RAFIIQUL ISLAAM dan repost
AMANTAA QABAACHUU IYYASUUS
Iyyasuus kiristoos Amantaa kiristaanaa odoo hin taane amantaa Islaamaa hordofaa ture. Inni muslima malee kiristaanaa miti. Garuu kiristaanonni hedduun isaanii Iyyasuus kiristaanummaa barsiiseera amantaa jedhan qaban. Inni kiristaanummaa odoo hin taane Islaamummaa barsiisaa ture. Sababbiin isaas, inni Nabiyyii Islaamaati. Kana yeroon jedhu qabatama ragaa dhugaa irratti hundaa'eeti. Macaafa qulqulluu keessatti ragaan qabatamaan heddutu jiru. Garuu mee wangeelaa Afranii fi Qur'aana irratti haa xiyyeeffannuu.
Wangeelota Afran kanneen jedhaman; Wangeela Maatiwoos, luqaas, Maarqoosii fi Yuhaannisi.
" Yesusis guutummaa Galiilaa keessa naanna'ee, manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa, wangeela mootummaa Waaqayyoo lallabaa, namootas dhukkubaa fi dhibee hundumaattii fayyisaa ture."
(Wangeela Maatiwoos 4: 23)
" "Egaa akka warri of argisiiftuun namoota biratti galateeffamuudhaaf jedhanii, manneen sagadaa fi karaa keessatti godhan, ati yeroodhuma arjoomtu hundumaatti kana of duratti hin odeessifatin! Dhuguman isinitti hima, isaan kun gatii isaanii argataniiru. "
(Wangeela Maatiwoos 6: 2)
Dabalataaniis, wangeela maatiwoos 6:2, 9:23, 9:35, 10:17, 12:9, 13:54 jalatti dubbatameera.
Wangeela Maatiwoos 9:23 xiinxaluun yeroo ilaalle;
" Yesus mana geggeessituu sanaa bira yommuu ga'e, warra ulullee gaddaa afuufanii fi warra huursanii boo'an argee, "
(Wangeela Maatiwoos 9: 23)
" Namni hafuura hamaadhaan qabame tokko mana sagadaa isaaniii keessa ture iyyuu, si'uma sana caraanee,"
(Wangeela Maarqoos 1: 23)
" Yesus masgiidaa akkuma ba'een, Yaaqoobii fi Yohannisii wajjin mana Simoonii fi Indriiyaas dhaqe."
(Wangeela Maarqoos 1: 29)
" Innis manneen sagadaa isaaniitti in barsiisa, hundinuus isa in jaja ture."
(Wangeela Luqaas 4: 15)
" Yesus Qifinaahomitti yeroo barsiise mana sagadaa keessatti kana hundumaa dubbate."
( wangeela Yohaannis 6: 59)
" Abbaan isaa fi haati isaa Yihudoota waan sodaataniif kana jedhan; namni "Yesus Masiihicha" jedhee dhugaa ba'u, tokkummaa mana sagadaa isaanii keessaa akka baafamu Yihudoonni sun irratti walii-galanii turan. "
(Wangeela Yohaannis 9: 22)
" Yesus immoo deebisee, "Ani mul'inatti biyya lafaatti dubbadheera; yeroo hundumaas masgiidaa fi mana qulqullummaa iddoo Yihudoonni hundinuu itti walga'anitti, barsiiseera; dhoksaattis waan tokko illee hin dubbanne."
(Wangeela Yohaannis 18: 20)
Yesuus kiristoos, muslima ta'uu isaa ilaalchisee Qur'aannis ifaan ifatti dubbateera.
مَا قُلْتُ لَهُمْ إِلَّا مَآ أَمَرْتَنِى بِهِۦٓ أَنِ ٱعْبُدُوا۟ ٱللَّهَ رَبِّى وَرَبَّكُمْۚ وَكُنتُ عَلَيْهِمْ شَهِيدًا مَّا دُمْتُ فِيهِمْۖ فَلَمَّا تَوَفَّيْتَنِى كُنتَ أَنتَ ٱلرَّقِيبَ عَلَيْهِمْۚ وَأَنتَ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ شَهِيدٌ
Waan ati itti na ajajje ‘Rabbiin, Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessan gabbaraa’ jechuu malee waan biraa isaaniin hin janne. Hangan isaan keessa turetti isaan irratti ragaan ture. Erga ol nafuutee booda ati isaan irratti tiksaa turte. Ati waan hunda irratti ragaadha. [Suuraa Al-Maa'idaa 5:117]
Akkasumas, Islaamummaan amantaa yesuus kiristoos ta'uu ilaalchisee Qur’aanni jedha:
وَإِنَّ ٱللَّهَ رَبِّى وَرَبُّكُمْ فَٱعْبُدُوهُۚ هَٰذَا صِرَٰطٌ مُّسْتَقِيمٌ
(Iisaan) “Dhugumatti, Rabbiin Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessani. Kanaaf Isa qofa gabbaraa. Santu karaa qajeelaadha” jedhe. [Suuraa Maryam 19:36]
Qur’aanni suuraa shuuraa keessattis akkana jedheera;
شَرَعَ لَكُم مِّنَ ٱلدِّينِ مَا وَصَّىٰ بِهِۦ نُوحًا وَٱلَّذِىٓ أَوْحَيْنَآ إِلَيْكَ وَمَا وَصَّيْنَا بِهِۦٓ إِبْرَٰهِيمَ وَمُوسَىٰ وَعِيسَىٰٓۖ أَنْ أَقِيمُوا۟ ٱلدِّينَ وَلَا تَتَفَرَّقُوا۟ فِيهِۚ كَبُرَ عَلَى ٱلْمُشْرِكِينَ مَا تَدْعُوهُمْ إِلَيْهِۚ ٱللَّهُ يَجْتَبِىٓ إِلَيْهِ مَن يَشَآءُ وَيَهْدِىٓ إِلَيْهِ مَن يُنِيبُ
Amantii irraa waan Nuuhiif dhaameefi isa gara kee wahyii goone, waan Ibraahiim, Muusaafi Iisaaf dhaamne karaa isiniif godhe[Inni] amantii sirriitti hojjadhaa, isa keessattiis addaan hin babahinaa jechuudhaWanti ati itti waamtu mushrikoota irratti guddateera! Rabbiin nama fedhe gara isaatti filata; nama tawbabates gara Isaatti qajeelcha.[Suuraa Ash-Shuuraa 42:13]
https://t.me/Rafiiqul_Islaam/899