RAFIIQUL ISLAAM dan repost
🛑 5. Yesus Kiristos, dinqii raawwateera
Qur’aanni kanaan wal qabatee akkuma Waadaa Haaraa keessatti dubbatamee jiruun ibse, dinqii baay’ee Yesus Kiristos, hayyama Waaqayyootiin raawwate ifaan ifatti dubbateera. 𝗙𝗮𝗸𝗸𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮𝗮𝗳, suphee irraa waan akka simbirroota uumee; isa keessatti afuufuudhaan eeyyama Rabbiitiin allaattii ta'uu. Dhukkubsattoota, jaamaa fayyisuu, warra du’an deebisee du'aa kaasuu. Haa ta’u malee, dinqiiwwan kun hundi akka mallattoo Nabiyyummaatti kennameef.
𝗛𝘂𝗯; Dinqiiwwan kun hundi Namoota Yesus Kiristos Ergamaa Waaqayyoo ta’uu isaa shakkii qaban amansiisuuf kan kennameefii dha malee, mallattoo waaqummaa hin turre.
● Yesus Kiristos, dinqii fi milikkata hojjate hunda walitti qabee kaayyoo isii yoo ibsu akkana jedha:
" Isa Yohannis cuuphaan dhugaa ba’e irra caalaa kan dhugaa anaaf ba’u qaba; hojiin abbaan koo akkan raawwadhuuf dabarsee anatti kenne baay’ee dha; 𝗵𝗼𝗷𝗶𝗶𝗻 𝗮𝗻𝗶 𝗵𝗼𝗷𝗷𝗲𝗱𝗵𝘂 𝗸𝘂𝗻𝗶𝘀 𝗮𝗯𝗯𝗮𝗮𝗻 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗮𝗻𝗮 𝗲𝗿𝗴𝗲 𝗱𝗵𝘂𝗴𝗮𝗮 𝗮𝗻𝗮𝗮𝗳 𝗶𝗻 𝗯𝗮'𝗮. Inni ana erge abbaanis immoo ofii isaatii anaaf
dhugaa ba’eera; isin utuu inni dubbatuu sagalee isaa takkaa hin dhageenye, bifa isaas argitanii hin beektan."
[Yohannis 5:36-38]
Dabalataan 𝗬𝗲𝘀𝘂𝘀 Kiristos yeroo Namticha 𝗔𝗹𝗮𝗮𝘇𝗮𝗮𝗿 jedhamu du’aa kaasuu gara awwaalichaa deemes akkana jechuun Rabbii isaa kadhate:
“… Kana booddee isaan dhagicha awwaalichattii fuudhan; Yesus garuu ol ilaalee, “Yaa abbaa! Anaaf dhaga’uu keetiif sin galateeffadha. Akka ati yeroo hundumaa anaaf dhageessu, ani beekeera, garuu namoonni as dhaabatan kun, 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗮𝘁𝗶 𝗮𝗻𝗮 𝗲𝗿𝗴𝗶𝘁𝗲 𝗵𝗮𝗮 𝗮𝗺𝗮𝗻𝗮𝗻𝗶𝗶𝗳𝗮𝗻 𝗸𝗮𝗻𝗮 𝗱𝘂𝗯𝗯𝗮𝗱𝗵𝗲” jedhe. Kana jedhee sagalee guddaadhaan, “Alaazaar as ba’i!” jedhee
waame. Kanaaf namichi du’ee ture sun awwaalicha keessaa gad ba’e; miilla isaa lamaanii fi harka isaa lamaanitti wayyaan hidhamee, fuula isaattis uffanni maramee ture. Yesus, “Irraa hiikaatii gad dhiisaa! Haa dhaqu! jedhee isaan abboome.” [Yohannis 11:41-44]
Haala kanaan yoo hin hubatin nabiyyoonni mu’jiizaa (raajii) hojjatan hundis waaqa ta’u.
🛑 6. Yesus Kiristositti, amanuun Muslima ta’uuf ulaagaa dha.
Namni tokko Muslima ta’uuf nabiyyootaa fi ergamtoota hundatti amanuudha qaba. Nabiyyitoota sana keessaa tokko ganuun ykn diduun hunda isaanii ganuu dha. Kanaaf Nabiyyummaa Iisaa (Yesus Kiristos) ganuun, namni tokko Muslima ta’uu dhabuu fida. Yesus Kiristositti amanuun Ulaagaa amantaa Islaamaati waan ta'eef.
🛑 7. Yesus Kiristos, dhufaatii Nabi Muhaammad (SAW) dursee dubbateera.
Qur’aanni Yesus Kiristos dhufaatii Muhaammad dursee akka dubbate ibsa:
وَإِذْ قَالَ عِيسَى ابْنُ مَرْيَمَ يَا بَنِي إِسْرَائِيلَ إِنِّي رَسُولُ اللَّهِ إِلَيْكُم مُّصَدِّقًا لِّمَا بَيْنَ يَدَيَّ مِنَ التَّوْرَاةِ وَمُبَشِّرًا بِرَسُولٍ يَأْتِي مِن بَعْدِي اسْمُهُ أَحْمَدُ ۖ فَلَمَّا جَاءَهُم بِالْبَيِّنَاتِ قَالُوا هَٰذَا سِحْرٌ مُّبِينٌ
“Yeroo Iisaa Ibni Maryam "yaa Banii Israa'iil! Ani Ergamaa Rabbii kan waan Tawraatiin keessatti na dura bu'e dhugoomsuufi ergamaa na booda dhufu kan maqaan isaa Ahmad ta'een (isin) gammachiisu ta'ee gara keessan ergame" jedhe [yaadadhaa] Yeroma inni ragaawwan ifaan isaanitti dhufes "kun 'sihrii' (falfala) ifa galaa dha" jedhan.” (Qur'aana 61:6)
Maqaan Ahmad fi Muhammad jedhu hundee jecha Arabaa tokko irraa kan dhufanii fi hundee isaa keessatti maqaa tokko.
🛑 ...
Qabxiileen irraa hafe itti fufa ...
𝗤𝗼𝗽𝗵𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗮:
© Ifaa Dhugaa
Dhugaa sakattaa'aa, qoradhaa... dhuma irratti eyyama Rabbiitiin haqa irra gahuun keessan hin hafu isniin jedha.
Namni dubbisee xumuree jiru ... ❤
https://t.me/Rafiiqul_Islaam/892