Репост из: 𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩
𝐇𝐀𝐍𝐆𝐀𝐅𝐀 𝐊𝐈𝐓𝐀𝐀𝐁𝐎𝐓𝐀𝐀
Kitaaba kanatu qajeelfama haqaati. Hangafa kitaabotaati. Sammuu namaa qara, kijibarraa nama baraara, dhugaan guutame, dhugaan ergame, Nabiyyii keenyatu ittiinbergame, mi'aan isaa madaala hin qabu, Rabbiin biraa dhufuunsaa shakkii hin qabu. Dogoongora kamirraayyuu bilisa, Namoonni gurguddaan addunyaa hedduun dogoongora keessa barbaanna jedhanii gaafa lafaa ka'an, Qur’aanni ani dogoongora irraa bilisa jedheen. Ragaa kanaatiif Qur'aanni akkana jedheera:
ذَٰلِكَ ٱلْكِتَٰبُ لَا رَيْبَۛ فِيهِۛ هُدًى لِّلْمُتَّقِينَ
"Kun kitaaba [Rabbiin biraa ta’uu isaa ilaalchisee] mamiin isa keessa hin jirreedha. warra Rabbiin sodaataniif qajeelfama" (Suuraa Al-Baqarah 2:2)
Qur'aanni ani qajeelfama Warra Rabbiin sodaatuuti jedheera.
.Qur'aanni kitaabota dachee kanarra jiran keessaa; kitaaba dadhabsiisaa addunyaati. Ana keessa shakkii fi dogoongorri hin jiru, abdii kutadhaa, na hordofaa, narraa garagaltan taanaan, Rabbiin jireenya addunyaa cinqaan isin jiraachisee, qiyaamaa jahannamitti isin garagalcha jedhee isin akeekkachiisa jedha Qur'aanni.
Mee amma Aayatoota Qur'aanaa dadhabsiisoo hayyootan baafaman haa xiinxallinuu..
وَإِن كُنتُمْ فِى رَيْبٍ مِّمَّا نَزَّلْنَا عَلَىٰ عَبْدِنَا فَأْتُوا۟ بِسُورَةٍ مِّن مِّثْلِهِۦ وَٱدْعُوا۟ شُهَدَآءَكُم مِّن دُونِ ٱللَّهِ إِن كُنتُمْ صَٰدِقِينَ
Yoo waan Nuti gabricha keenya irratti buufne, Qur’aana irraa shakkii qabaattan, yoo kan dhugaa dubbattan taataniif, suuraa akka isaa tokko fidaa, ragoota (gargaartotaafi deeggartoota) keessan kan Rabbiin ala jiranis waamadhaa. (Suuraa Baqaraa 2:23)
Keewwanni itti aanu immoo, fakkii Qur'aanaa dhiheessuu akka hin dandeenye dubbata. Akkasumas akeekkachiisa cimaa of keessaa qaba.
Yoo [amma dura] hin dalagin; fuuldurattis hin dalagdan; kanaafuu ibidda qabsiisaan ishee namaafi dhagaa ta’e kan diddootaaf qopheeffamte sodaadhaa. (Suuraa Baqaraa 2:24)
Ammas ragaan kana fakkaatu keewwata suuraa Qur'aana biraa keessattis dubbatameera.
أَفَلَا يَتَدَبَّرُونَ ٱلْقُرْءَانَۚ وَلَوْ كَانَ مِنْ عِندِ غَيْرِ ٱللَّهِ لَوَجَدُوا۟ فِيهِ ٱخْتِلَٰفًا كَثِيرًا
Sila isaan Qur’aana hin xiinxalanii? Odoo Rabbiin biraa dhufuu baatee, silaa isa keessatti wal dhabbii baay’ee argu turan.(Suuraa An-Nisaa' 4:82)
Ibsi keewwata armaan olii tasuma Qur'aanni qaama biroo biraa akka hin taane dubbata. Kana jechuun Qur'aanni kalaama [jecha] Rabbii (s.w.t) isa dhugaa akka ta'e mirkaneessa.
Mee suuraa gara suuraa Hijriitti haa imalluu...
إِنَّا نَحْنُ نَزَّلْنَا ٱلذِّكْرَ وَإِنَّا لَهُۥ لَحَٰفِظُونَ
Dhugumatti, Nuti Zikrii [Qur'aana] Numatu buuse, Numatu isa tiksoodha. (Suuraa Al-Hijri 15:9)
Maaykiil H.Hartiin waan jedhe: "Sababbiin Qur'aanni akka buufameen odoo wanti tokko itti hin dabalamin hanga har'aatti addunyaa keessa turuu danda'eef, Eegumsa Rabbii guddaa qaba jedhe. Akkasumas kitaabota jiran keessaa kitaaba qulqulluu dha jedhee ragaa bahe. Hayyuun kun muslimaa miti, hordofaa Amantaa "Kiristaanaati..
.Ammas mee gara suuraa Israa'itti haa imalluu...
قُل لَّئِنِ ٱجْتَمَعَتِ ٱلْإِنسُ وَٱلْجِنُّ عَلَىٰٓ أَن يَأْتُوا۟ بِمِثْلِ هَٰذَا ٱلْقُرْءَانِ لَا يَأْتُونَ بِمِثْلِهِۦ وَلَوْ كَانَ بَعْضُهُمْ لِبَعْضٍ ظَهِيرًا
Jedhi: “odoo ilmi namaatii fi jinnoonnis, fakkaataa Qur’aana kanaatiin dhufuu irratti walitti qabamanii, odoo gariin isaanii gariif gargaaraa ta’anii fakkaataa isaatiin hin dhufan.”(Suuraa Al-Israa'a 17:88)
Baay'innu ummata addunyaa; akka qorannoo yeroo dhihootiin barametti, Biiliyoona 8.2 olitti tilmaamaman. Odoo guutuun isaanii fakkaataa Qur’aanaa dhiheessuu irratti waliif galanii, gonkumaa fakkaataa Qur'aana kanaa dhiheessuu hin danda’an.
Kitaaba kaaliqaa fi makluuqa walbarsiisuu keessatti dorgomaa hin qabneedha.
Qindeessaan: Xaahir Galatoo
https://t.me/Rafiiqul_Islaam/950