#
My Channel Join @Rafiiqul_Islaam
Rabbiin keenya (S.W) Samii gubbaa Arshii irratti ol tahuu isaa Qur'aana keessatti nuuf himee jira. Nabiyyiin Muhammadis Sallallaahuwosallam hadiisa keessatti nuuf himanii jiran. Sahaabonnis Rabbiin keenya Arshiin irratti ol tahuu walii galaan itti amananii jiran.
Akkasuma Ulamaa’iin islaamaa gurguddaan Qur'aanaa fi Hadiisa akkasuma jechoota Sahaabaa ragaa godhachuun Rabbiin keenya Arshiin irratti ol tahuu raggaasisanii jiru.
Akkaataan ol tahiinsa isaa immoo! Akka ilmi namaa itti yaadu osoo hin taane” akka isaan malutti ol tahe jechuudha. Fakkeenyaaf, Rabbiin keenya harka niqaba garuu tan akka namaa fi wantoota biroo osoo hin taane, tan isaan maltu qaba jechuu dha.
Hiikkaan jecha (Istiwaa'a) jedhuu bakka 10 olitti hiikkama. Garuu kan nuti keessaa hordofnuu fi kan nuti Qur’aana kabajamaa ittiin hiikuu dandeenyu, kan ragaa Qur’aanaa fi Hadiisa irraa qabu qofaani.
Ammas wanni hubatamuu qabu! Rabbiin keenya (S.W) Arshiin irratti ol tahe yoo jennu Rabbiin Arshitti fayyadama jechuu miti.
Rabbiin waan fedhe hojjata, dadhabbii fi boqannaa fudhachuufis irratti ol hin taane. Waan fedhe uumee ittiin kakata. akkasumas waan fedhe uumee irratti ol taha. Isatu waan nuti hojjannu nu gaafachuu dandaha malee, nuti maaliif akkana hojjatta jennee isa gaafachuu (Herreguu) hin dandeenyu. Wanni nurratti dirqama tahe, waan inni jedhe akka inni jedhetti osoo hin jijjiirre fudhachuu qofaadha.
Wanni ragaa hin qabne bakka hin geettu ammas fudhatama hin qabdu waan taheef, mee waa’ee Rabbi Arshiin irratti (ol ta’iinsa isaan malu ol ta’e) jedhu bakka afuritti qoodnee bal'inaan laalla.
1-RABBI ARSHIIN IRRATTI OL TAHUU QUR'AANA.
Akkuma jalqaba irratti ibsine Gooftaan keenya Arshiin irratti ol tahuu Qur’aana irraa kan ibsu Aayata hedduu dha. Jechi ol taahe (Istawaa) jedhu qofti bakka torbatti dubbatamee jira. Sanniin keessaa akka armaan gadiititti dhihaata. Suuratu Al-A’araaf Aayata 54 irratti (Allaah) nijedhe.
إِنَّ رَبَّكُمُ اللَّهُ الَّذِي خَلَقَ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ فِي سِتَّةِ أَيَّامٍ ثُمَّ اسْتَوَى عَلَى الْعَرْشِ يُغْشِي اللَّيْلَ النَّهَارَ يَطْلُبُهُ حَثِيثًا وَالشَّمْسَ والْقَمَرَ وَالنُّجُومَ مُسَخَّرَاتٍ بِأَمْرِهِ أَلَا لَهُ الْخَلْقُ وَالْأَمْرُ تَبَارَكَ اللَّهُ رَبُّ الْعَالَمِينَ} [الأعراف:54].
54. Dhugumatti Gooftaan keessan Rabbii isa samiifi dachii guyyoota jaha keessatti uumee ergasii Arshiin irratti (ol ta'iinsa isaaf malu) ol ta'eedha. Haala ariitiidhaan isa barbaada ta'een halkaniin guyyaa haguuga. Aduu, ji'aafi urjiiwwanis kan ajaja isaatiin laaffifaman ta'anii (isaan uume). Dhagayaa! Uumuuniifi ajajnis kan isaati. Rabbiin Gooftaa aalamaa ta'ee toluun isaa baay'ate”.
Suuratu Yuunus Aayata 3 irrattis akkana jedha.
{إِنَّ رَبَّكُمُ اللَّهُ الَّذِي خَلَقَ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ فِي سِتَّةِ أَيَّامٍ ثُمَّ اسْتَوَى عَلَى الْعَرْشِ يُدَبِّرُ الْأَمْرَ مَا مِنْ شَفِيعٍ إِلَّا مِنْ بَعْدِ إِذْنِهِ ذَلِكُمُ اللَّهُ رَبُّكُمْ فَاعْبُدُوهُ أَفَلَا تَذَكَّرُونَ} [يونس:3]
3. Dhugumatti, Gooftaan keessan Allaah isa samiifi dachii guyyoota jaha keessatti uumee, ergasii arshiin irratti (ol ta'iinsa isaan malu) ol ta'ee dha. Waan hunda garagaggalcha. Araarsaan homaatuu hayyama Isaatiin booda malee hin jiru. Kun Rabbii Gooftaa keessan ta'ee dha. Kanaafuu isa qofa gabbaraa. Sila isin hin gorfamtanii?. jedha.
Suuratu Al-Hadiid Aayata 4ttis waa’ee ol tahiinsa Rabbii akkanatti ibsa.
هُوَ الَّذِي خَلَقَ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ فِي سِتَّةِ أَيَّامٍ ثُمَّ اسْتَوَى عَلَى الْعَرْشِ يَعْلَمُ مَا يَلِجُ فِي الْأَرْضِ وَمَا يَخْرُجُ مِنْهَا وَمَا يَنْزِلُ مِنَ السَّمَاءِ وَمَا يَعْرُجُ فِيهَا وَهُوَ مَعَكُمْ أَيْنَ مَا كُنْتُمْ وَاللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ} [الحديد:4]،
4.Inni Isa samiifi dachii guyyoota jaha keessatti uumee; ergasii “Arshiin irratti (ol ta’iinsa isaan malu) ol ta'ee dha. Waan dachii keessa gadi seenuufi waan ishee irraa ba'u, waan samii irraa bu'uufi waan ishee keessa ol ba'us ni beeka. Inni eessallee yoo jiraattan isin waliin jira. Rabbiin waan isin dalagdan hunda ni arga. Jedha.
https://t.me/Rafiiqul_Islaam/865
ALLAAH_EESSA_JIRA?
KUTAA 1FFAA