Forward from: 𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩
ALLAAH EESSA JIRAA?
KUTAA 3FFAA
My Channel Join: @Rafiiqul_Islaam
عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: ((لَمَّا قَضَى اللَّهُ الْخَلْقَ كَتَبَ فِي كِتَابِهِ، فَهْوَ عِنْدَهُ فَوْقَ الْعَرْشِ إِنَّ رَحْمَتِي غَلَبَتْ غَضَبِي)). رواه البخاري.)
Abii Hureyraa irraa odeeffamee (R.D.A) nijedhe: Ergamaan Rabbii (S.A.W) jedhan. (Rabbiin uumaa yeroo geessetti kitaaba isaa keessatti barreesse. Kitaabni isa bira Arshiin gubbaa jira. Tolli (Rahmanni) tiyya dallansuu tiyya hinjifatte jechuu.) Hadiisa kan gabaase (Imaamu Bukhaarii).
Hadiisa kana irratti akkuma ifu Ergamaan Rabbii (S.A.W) kitaabni Rabbiin bira Arshiin gubbaa jiraatuu nuuf ibsan. Rabbiin Arshi gubbaa akka jiru kana irraa hubanna.
عَنْ عَبْدِ اللَّهِ بْنِ عَمْرِو بْنِ الْعَاصِ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَآلِهِ وَسَلَّمَ قَالَ: «الرَّاحِمُونَ يَرْحَمُهُمُ الرَّحْمَنُ، ارْحَمُوا مَنْ فِي الْأَرْضِ يَرْحَمْكُمْ مَنْ فِي السَّمَاءِ» رواه الترمذي
Abdillaah Bin Amri Bin Al-Aas irraa odeeffamee (R.D.A) Ergamaan Rabbii (S.A.W) jedhan: Tola ooltotaaf (Rahmaan) tola oola. Nama dachii keessaatiif tola oolaa (Rahmata godhaa) Namni Samii keessa jiru (Rahmata) tola isiniif oolaa, jedhan. Hadiisa kan gabaase ( At-Tirmuzii).
عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ أَنَّ النَّبِيَّ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَآلِهِ وَسَلَّمَ قَالَ: «وَالَّذِي نَفْسِي بِيَدِهِ مَا مِنْ رَجُلٍ يَدْعُو امْرَأَتَهُ إِلَى فِرَاشِهِ فَتَأْبَى عَلَيْهِ إِلَّا كَانَ الَّذِي فِي السَّمَاءِ سَاخِطًا عَلَيْهَا حَتَّى يَرْضَى عنها: رواه مسلم.)
Abii Hureyraa irraa odeeffamee (R.D.A) nijedhe: Nabiyyiin (S.A.W) jedhan. Isaa lubbuun tiyya harka isaa jirtuun kakadhe! Gurbaa tokko irraa waa hin taane kan intala isaa gara Firaasha (siree) isaatitti yaamee isheen isa diddu, hamma inni ishee irraa jaalatutti Isaan (Rabbiin) samii keessa jiru ishetti dallanuu irraa. Jedhan. Hadiisa kan gabaase (Imaamu Muslim).
Hadiisa kana irraa wanni nuuf galu keessaa! 1ffaa Jaartiin yeroo jaarsi fedhiidhaaf ishee yaame dhaquu akka qabduudha. Yoo rakkoo beekamaa qabaatte malee. fakkeenyaaf” Soomni dirqamaa irra jiraatuu fi laguu ji'aa qabaachuu akkasuma wantoota kana fakkaatan.
Yoo kun irra jiraate, dilii hin qabdu. 2ffaan wanni irraa nuuf galu, Rabbiin akka Samii keessa jirutu nuuf ifa. Samii keessa jira jechuun immoo Arshiin ala jira jechuudhaa miti. Jecha Afaan Arabaa keessatti Samii jechuun cufa waan nama gubbaa jiruuti.
عَنْ مُعَاوِيَةَ بْنِ الْحَكَمِ السُّلَمِيِّ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ "قَالَ: لَطَمْتُ جَارِيَةً لِي فَأَخْبَرتُ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ فَعَظَّمَ ذَلِكَ عَلَيَّ، قَلَتْ يَا رَسُولَ اللَّهِ أَفَلَا أَعْتِقُهَا؟ قَالَ: «بَلَى ائْتِنِي بِهَا»، قَالَ: فَجِئْتُ بِهَا رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ فَقَالَ لَهَا: «أَيْنَ اللَّهُ»؟ قَالَتْ: فِي السَّمَاءِ قَالَ: «فَمَنْ أَنَا»؟ قَالَتْ: أَنْتَ رَسُولُ اللَّهِ، قَالَ: «اعْتِقْهَا فَإِنَّهَا مُؤْمِنَةٌ». رواه مسلم.
Mu'aawiyaa Bin Al-Hakam As-Sulamiyyii irraa odeeffamee (R.D.A) nijedhe: Gabrittii tiyya takka kabalee! Ergamaa Rabbiititti (S.A.W) odeesse. Isa sana (kabaluu) narratti guddise. Yaa Ergamaa Rabbii ishee haa bilisoomsuu jedheen? Eeyyee ishee natti fidi jedhe. Ishee ergamaa Rabbiitittiin dhufe. Ishee dhaan jedhe. (Allaah) eessa jira? Samii keessa jira jetteen, Ani hoo eenyu jedheen? Ati ergamaa Rabbiiti jetteen" ishee bilisoomsi isheen Mu'umina jedheen. Hadiisa kan gabaase (Imaamu Muslim).
Hadiisa kana irraas wanni nuuf galu Ergamaan Rabbii (S.A.W) micayyoo tana Rabbi eessa jira jennaan? Samii gubbaa jira jetteen. Osoo isheen kan dogongortu tahee! Silaa yeroma san lakki micayyoo dogongortee jirta jedhaniin. Garuu isheen Rabbiin Samii gubbaa jira jennaan" akka ishee Mu’umina taate ragaa bahaniif.( Hadiisa heddutu akka Rabbiin Arshi gubbaa jiru nuuf dubbata.
Kutàa 1ffaa 👇👇👇👇
https://t.me/Rafiiqul_Islaam/865
Kutaa 2ffaa 👇👇👇👇
https://t.me/Rafiiqul_Islaam/873
Kutaa 3ffaa 👇👇👇👇
https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1425