Forward from: 𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩
Mata-duree “Macaafni qulqulluun akkamitti boora'uu danda'e?”
Kitaabni Rabbiin Nabi Muusaa (nageenyi Rabbii isarra haa jiraatu) kenne, kn ifnanaa fi qajeeluma ilma namaatiif buuse boora'uu fi harka namaatin jijjiiramuu Qur'aanni Kabajamaan bal'inaan nuuf ibsee jira, akkasumas Kitaabni Yesus Kiristosii kenname kan Injiil (𝑮𝒐𝒔𝒑𝒆𝒍) jedhamus harkuma namootaatiin jijjiiramee jira.
Erga Yesus Kiristos samiitti ol fuudhamee shakkiin hedduun ilmaan Israa'eliitti uumamuun wangeellis hawaariyoota booddee namoota garagaraa 40 oliin
yaada fi ilaalcha ofii itti dabaluun barreessuun kaan raggaasisaa, kaan jijjiiraa, keessaayis haqaa asiin gahan.
Macaafni Kakuu haaraan ykn wangeellis erga Yesus ol fuudhamee waggaa 115 booda kan barraa'e fi barreessitoonnis Yesusiin ijaan kan hin agarre ta'uu, 𝗟𝘂𝗾𝗮𝗮𝘀 (keeyyata 1: 1) irratti kaasee jiruun hubachuu ni dandeessu. Akka ragaan Kitaaba "𝑻𝒉𝒆 𝒓𝒆𝒅 𝒍𝒆𝒕𝒕𝒆𝒓 𝒃𝒊𝒃𝒍𝒆" jedhu kan hayyoota amantichaatiin qophaa'e ibsee jirutti dhibbeentaan 82 (82%) jecha Yesus Kiristos kan hin taane ta'uu addeessa, kana jechuun Macaafa fuulli (page)n isaa hangana baay'atu keessaa parsentii 18 qofatu jecha Yesus Kiristosi jechuu dha.
Dabalataan ammas Macaafa Kakuu Haaraa (𝑵𝒆𝒘 𝑻𝒆𝒔𝒕𝒂𝒎𝒆𝒏𝒕) 27 keessaa 15 ol Nama Phaawuloos jedhamuun kan barreeffamanii dha. Phaawuloos Nama ergaa wangeelaa dabsuu fi jallisuu keessatti shoora ol'aanaa taphatee dha.
Inni biraa ragaa boora'uu fi jijjiiramuu kitaabichaa nuu ibsan keessaa keeyyattoota waldhabu hedduu Macaaficha keessatti arguu dha.
Mee fakkeenya muraasa haa ilaallu,Macaafa qulqulluu keessatti sanyii Israa'el hundayyuu zalaalamiif (abadiif) isaan jibba erga jedhee iddoo biraatti immoo (Mul'ata Yohaannis keeyyata torba) keessatti, mootuma samii kan bara baraa (jannata) kan dhaalu namoota 144000 qofa kan gosa ykn ilmaan Israa'el 12 irraa ta'aniif kan mallattaa'e ta'uu dubbata. Namoota kanneen qofaaf chaappaan jannataa adda isaanii irratti rukutamuun sanyiin ilma namaa kanneen biroo hundi isaaniituu carraa kana akka hin arganne addeessa. Keeyyatoota kanas qalbiin Macaafa irraa hogguu dubbiftan herregni (kalkuleeshiinin) isaa sirrii hin dhufu. Kuni baay'ee Nama rifachiisa! Nama ajaa'ibas!
Ilmaan Israa'el hedduun isaanii hanga ammaatti kan seera 𝒎𝒐𝒐𝒔𝒆𝒆 dhiisanii nabiyyummaa 𝒀𝒆𝒔𝒖𝒔 hin fudhatin akkamitti jannatni mallatteeffamaaf...? Kana Yesustu jedhe moo Yahuudicha Phawloos jedhamu santu barreesse?!
Jannatni akka seera RABBIIN lafa kaayee jirutti, kan worra gooftaa isaan uume beekanii isa qofa gabbaraniiti malee kan gosa ykn saba tokko qofaaf qophooftee guutamtuu miti.
Keeyyatoota biroo kan waldhaban akka fakkeenyaatti:
~ Macaafa (Fakk. 8:27-30) irratti akkana jedha; "Yommuu inni bantiiwwan waaqaa iddoo iddoo isaanii kaa'ee, waaqas callabboo irra diriirse, ani achin ture; yommuu inni waaqa keessa duumessoota kaa'ee, burqituuwwan callabbootti
yommuu tolche, bishaanonni abboommii isaa irra akka hin darbinetti, yommuu inni galaanatti daarii godhe, yommuu inni hundeewwan lafaatti milikkita godhes, ani yommus ijaartuu isa gaarii 𝘀𝗮𝗻𝗮 𝗯𝗶𝗿𝗮𝗻 𝘁𝘂𝗿𝗲, yeroo hundumaa fuula isaa duratti gammadaa, har'aa bor isa nan gammachiisan ture."
(Fakkeenya 8:27-30)
~ Macaafa (Isaayaas 44:24) irratti immoo akkana jedhe; "Ani Waaqayyo isa si fure, isuma gadameessa keessatti si tolchee dha; ani Waaqayyo isa wanta hundumaa uume, bantiiwwan waaqaa kophaa diriirsee lafas dhisee dha;
yommus 𝗲𝗲𝗻𝘆𝘂𝘁𝘂 𝗮𝗻𝗮𝗮 𝘄𝗮𝗷𝗷𝗶𝗻 𝘁𝘂𝗿𝗲?". (Isaayaas 44:24)
~ (Uumama 6:6) irratti, “Waaqayyo nama lafa irratti uumuu isaa in jibbe, guutummaa garaa isaatiinis in gadde.” jedha.
~ Macaafa Saamu'el Isa duraa (15:29) fi Wangeela Yohannis (3:22) irrattis “Yesus ni cuupha ture.”
~ Yohaannis (4:2) irratti immoo, "Utuma ta'uu iyyuu bartoota isaatu cuuphe malee Yesus ofii isaatii hin cuuphne ture." jedha.
https://t.me/Rafiiqul_Islaam/934