Репост из: 𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩
𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐄𝐑𝐆𝐀𝐌𝐀𝐀 𝐓𝐀'𝐔𝐔
[𝐘𝐨𝐡𝐚𝐚𝐧𝐧𝐢𝐬 8:42]
“Yesus deebisee, "Waaqayyo utuu abbaa keessan ta'ee, ana in jaallattu turtan; anoo Waaqayyo keessaa ba'ee, dhufeen as jira; isatu ana erge malee, ani ofiin hin dhufne.”
[𝐘𝐨𝐡𝐚𝐚𝐧𝐧𝐢𝐬 12:49]
“Abbicha isuma na ergetu ofii isaatii waanan dubbadhu na abboome malee, ani ofuma kootiin hin dubbanne.”
[𝐘𝐨𝐡𝐚𝐚𝐧𝐧𝐢𝐬 14:24]
“Namni ana hin jaallanne immoo dubbii koo hundumaa hin raawwatu, dubbiin isin dhageessan kunis kan abbicha isa na ergee ti malee, kan koo miti" jedheen.”
[𝐘𝐨𝐡𝐚𝐚𝐧𝐧𝐢𝐬 5:19]
“Yesus itti fufee, "Dhuguman isinitti hima, ilmi ofuma isaatiin homaa gochuu hin danda'u, isa abbaan isaa hojjetu ilaalee in hojjeta; isuma abbaan hojjetu ilmis immoo akkuma kanatti in hojjeta.”
[𝐘𝐨𝐡𝐚𝐚𝐧𝐧𝐢𝐬 5:30]
“Yesus itti dabalee, "Ani humna kootiin homaa gochuu hin danda'u; abbaa koo irraa akkan dhaga'etti nan farada; firdiin ani faradus qajeelaa dha. Anoo yaada koo duukaa bu'uu hin barbaadu, 'yaada isa ana ergee duukaan bu'a malee.”
[𝐘𝐨𝐡𝐚𝐚𝐧𝐧𝐢𝐬 5:36]
“Isa Yohannis cuuphaan dhugaa ba'e irra caalaa kan dhugaa anaaf ba'u qaba; hojiin abbaan koo akkan raawwadhuuf dabarsee anatti kenne baay'ee dha; hojiin ani hojjedhu kunis abbaan akka ana erge dhugaa anaaf in ba'a.”
[𝐘𝐨𝐡𝐚𝐚𝐧𝐧𝐢𝐬 6:29]
“Yesus deebisee, "Isa inni ergetti amanuu keessaniin hojii Waaqayyoo in hojjettu" jedheen.”
[𝐌𝐚𝐚𝐭𝐢𝐰𝐨𝐨𝐬 24:36]
“Yesus itti dabalee, "Guyyicha sanaa fi yericha sana garuu abbaa koo duwwaatu beeka malee, ergamoonni waaqa irraa, ilmis, namni tokko illees kana hin beekan.”
[𝐋𝐮𝐪𝐚𝐚𝐬 24:19]
“Inni, "Waan attamii ti?" isaaniin jennaan, isaan immoo, "Waa'ee Yesus nama Naazireet, isa gochatti dubbiittis Waaqayyoo fi namoota duratti raajii aango-qabeessa ture sana,”
https://t.me/Rafiiqul_Islaam