Репост из: RAFIIQUL ISLAAM
Barruu tana walii qoodaa keeyrii tana facaasaa. Jzk ❤
Mata duree. “Qabxii 10n waa'ee Yesus Kiristos Islaamummaa keessaatti.”
Muslimtoonni Yesusitti ni amanan yeroo jennu Namoota baay'ee ni ajaa'iba. Namni Qur’aana dubbisu Yesus eenyu akka ta’e qofa osoo hin taane, barsiisni isaas maal akka ta'e dafee hubata.
🛑 1. Yesus Kiristos, (nageenyi Rabbii isarra haa jiraatu) Nabiyyoota fi Ergamtoota gurguddoo Islaamaa keessatti argaman keessaa isa tokko.
● Muslimtoonni akka ilma Waaqayyootti osoo hin taane, akka Raajotaa fi Ergamtoota Waaqayyoo gurguddoo keessaa tokko ta’eetti Yesus Kiristositti amanu. Inni qaama sansalata Raajota akka Abrahaam, Nohi, Daawit, Muusaa, fi Muhammad (nageenyi hunda isaanii irratti haa jiraatu) keessaa tokko amanu.
🛑 2. Yesus Kiristos, abbaa malee dinqiidhaan haadha qofa irraa dhalate.
● Qur'aana Boqonnaa 19 keessatti dhalachuu Yesus Kiristos nu yaadachiisa. Dubroo Maariyaam irraa abbaa malee dhalate. Dinqiidhaan dhalachuun isaa mallattoo Waaqummaa isaa osoo hin taane, Raajota Waaqayyoo gurguddoo keessaa tokko ta’ee sadarkaa adda ta’e qabaachuu isaatiif ragaa dha malee.
Qur’aanni dhalachuu Yesus Kiristos uumama Aadam (Addaam) waliin wal bira qaba. Ija Waaqayyootti, Yesus akkuma Addaamti: Inni biyyoo irraa isa uume, “Ta’i” jedheen, innis ni ta’e [Qur'aana3:59].
Nabi Aadam (Addaam) abbaa fi haadha malee uumame Nabiyyii ta'ee hafeera. Haaluma wal fakkaatuun Muslimtootaaf, Yesus Kiristos abbaa malee dhalachuun isaa waaqummaa isaa kan agarsiisu miti.
🛑 3. Inni haala baattoo (daa'imummaa) keessa jiruun dubbate.
Yesus Kiristos, yommuu dhalate Namoonni yeroo sana turan haadha isaa Maariyaamiin ejja (sagaagalummaa) raawwatte jechuun dubbachuu eegalan, himata akkasii irraa ishee baraaruu fi qulqulleessuuf jecha dubbate. Qur’aanni bakka hedduutti akka ibsetti, Yesus Kiristos baattoo keessatti akka dubbatee dha.
{ إِذْ قَالَتِ الْمَلائِكَةُ يَامَرْيَمُ إِنَّ اللّهَ يُبَشِّرُكِ بِكَلِمَةٍ مِّنْهُ اسْمُهُ الْمَسِيحُ عِيسَى ابْنُ مَرْيَمَ وَجِيهًا فِي الدُّنْيَا وَالآخِرَةِ وَمِنَ الْمُقَرَّبِين وَيُكَلِّمُ النَّاسَ فِي الْمَهْدِ وَكَهْلًا وَمِنَ الصَّالِحِين.} [سورة آل عمران:45-46]،
“Yeroo malaa’ikoonni “yaa Maryam! dhugumatti Rabbiin jecha Isa biraa ta’e, kan maqaan isaa Al-Masiih Iisaa ilma Maryam jedhamu, kan addunyaafi Aakhiraattis kabajamaafi warra Rabbitti dhiheeffaman irraa ta’een si gammachiisa” jette [yaadadhu]. Daa’imummaafi erga guddateeyis namaan dubbataWarra gaggaarii irraayis ta’a.” [Qur'aana 3:45-46]
{ فَأَشَارَتْ إِلَيْهِ قَالُوا كَيْفَ نُكَلِّمُ مَن كَانَ فِي الْمَهْدِ صَبِيًّا قَالَ إِنِّي عَبْدُ اللَّهِ.} [سورة مريم: 29، 30]
“(Isiinis) gara isaatti akeekte [Isaan]: “Akkamitti daa’ima siree daa’imummaa keessa jiru dubbifna?” jedhan. Innis (daa’imichis) ni jedhe: “Dhugumatti, ani gabricha Rabbiiti. Inni kitaaba naaf kenneera; nabiyyiis na taasisee jira. Iddoo ani jiru hundattis barakeeffamaa na taasisee jira; salaataafi zakaas hangan lubbuun jiru naaf dhaamee jira.” (Qur'aana 19:29-31)
● Daa’ima xiqqaa siree keessa jiru ta’ee osoo jiruu dubbate. Durri jechi inni dubbates, “Dhugumatti, 𝗮𝗻𝗶 𝗚𝗮𝗯𝗿𝗶𝗰𝗵𝗮 𝗥𝗮𝗯𝗯𝗶𝗶𝘁𝗶. Inni kitaaba naaf kenneera; 𝗻𝗮𝗯𝗶𝘆𝘆𝗶𝗶𝘀 𝗻𝗮 𝘁𝗮𝗮𝘀𝗶𝘀𝗲𝗲 𝗷𝗶𝗿𝗮. Iddoo ani jiru hundattis barakeeffamaa na taasisee jira; salaataafi zakaas hangan lubbuun jiru naaf dhaamee jira.”
🛑 4. Qur'aana keessatti boqonnaan guutuun maqaa Maariyaamiin moggaafame jira.
Dubartiin maqaan ifaan Qur’aana keessatti dubbatamte kan haadha Yesus Kiristos Mariyamiin qofaa dha. Qur'aana keessatti
yeroo 34 yoo dubbatamu Macaafa Qulqulluu (Bible) keessatti immoo yeroo 18 qofa dubbatame.
Kana qofa osoo hin taane dubartiin boqonnaan Qur'aanaa guutuun maqaa isheetiin moggaafame ishee qofaa dha. Garuu faallaa kanaa immoo kutaan Macaafa Kiristaanotaa tokkollee kan maqaa Maryamiin kan moggaafame hin jiru.
Seenaan ishee guutummaan Qur'aana keessatti caafameera, garuu boqonnaan 19 dinqiidhaan Yesus Kiristos akka deesse ibsa. Qur’aanni Yesusi ilma Maariyaam jechuun ishee kabajuudhaan waama.
https://t.me/Rafiiqul_Islaam/891