Daandii Milkii(Jennataa)


Гео и язык канала: Иран, Фарси
Категория: не указана


Chaanaaliin kun kan barsiisu Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabuun madaaluudha (Comparative religions). Dubbisi, xiinxali, gulaali, madaali, filadhu, hordofi, nama itti affeeri.
Yaadaaf @Saahibu28

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
Иран, Фарси
Категория
не указана
Статистика
Фильтр публикаций


Репост из: 𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩
𝐀𝐬𝐬𝐚𝐥𝐚𝐚𝐦𝐮 𝐀𝐥𝐚𝐲𝐢𝐤𝐮𝐦 𝐖𝐨𝐫𝐚𝐡𝐦𝐚𝐭𝐮𝐥𝐥𝐚𝐚𝐡𝐢 𝐖𝐨𝐛𝐚𝐫𝐚𝐤𝐚𝐚𝐭𝐮𝐡𝐮𝐮

#Lubbuu_Ajjeesuufii_Balleessuu_Amantii_Kamtu_Ajajaa?

Akkuma Beekamu Kiristaanonni Yeroo Hedduu #Islaamummaan_Ajjeechaa_Ajaja Jedhanii Dubbatuu Haa Ta'uu Malee Mee Ragaadhaan Haa Ilaallu. 👉 Dubbisuudhaaf #Instant_View Kan Jedhu Tuquudhaan Dubbisaa. Sana booda Kottaa Dubbadhaa.

Hiriyoota Keessaniif Share Godhaa Jzk. 🥰🥰


https://telegra.ph/LUBBUU-AJJEESUU-FI-BALLEESSUU-AMANTII-KAMTU-AJAJAA-04-22


“ Yesus Kiristos gara samii ul-fuudhamuu”.



“Yaa abbaa, kun akka fedha kee yoo ta’e, xoofoo dhiphinaa ani fudhachuudhaaf jiru kana ana irraa fuudhi; garuu akka ani jaalladhe utuu hin ta’in; akka ati jaallatte haa ta’u! jedhe. “Yommus ergamaan Waaqayyoo tokko isa jajjabeessuudhaaf waaqa irraa itti mul’ate. Muddama isaa keessattis ittuma cimsee kadhate; dafqi isaas akka coccopha dhiigaa lafatti gad rooba ta’e”.”
[Luqaas 22:42-44]

“Yesus biyya lafaa kana irra yeroo jiraachaa turetti, sagalee guddaadhaan imimmaaniin, kadhataa fi waammata gara isa du'a isa oolchuu danda'uutti dhi'eesse; sababii inni ulfina Waaqayyoof gad of deebisee, isatti of kennateefis, kadhanni isaa in dhaga'ameef.”
— Ibr. 5:7

Yesus Kiristos osoo akka Kiristiyaanonni jedhan; cubbuu isaaniitiif du’uu fi fannoo irratti fannifamuuf dhufee maaliif du’a jibba ?. Ammas erga kaayyoon dhufeef kana ta’ee, maaliif du’uu dhabuu Rabbii isaa kadhata ?
“Gara sa’aatii salgaffaatti Yesus sagalee guddaadhaan “Elii, Elii lamaa sabaktanii?” jedhee waammate; kunis, “Waaqayyo ko, Waaqayyo koo maaliif na dhuufte?” jechuutti in hiikama.”
[Maatewos 27:46]

[Yeroo Rabbiin jedhes [yaadadhu]: “Yaa Iisaa! Ani si raffisaadha. Gara kiyyattis ol si fuudhaadha. Isaan kafaran irraas si qulqulleessaadha. Isaan si hordofanis hanga guyyaa qiyaamaatti warra kafaran irratti ol taasisaadha. Ergasii deebiin keessan gara kiyya; waan isin isa keessatti wal dhabaa turtan keessattis gudduu keessanitti nan murteessa.”]
(Qur’aana Suuratu Aal- Imraan 3:55)

Hubachiisa dabalataa kan Yesus Kiristos fannifamuu dhabuu isaa nuu mirkaneessan;

❖ Du’uu isaa kan dubbate Maatewoosii fi Luqaasiidha. Luqaas immoo ofii isaatiyyuu barataa isaa hin turre, maatewos immoo du’a isaatii fi rarraafama isaa hin argine, barattoota kaanneen wajjiin baqatee ture, wanti amantaan tokko irratti ijaaramu immoo ragaa qabatamaadha. Yoo raga qabatamaa hin qabaatin ni darbama.

❖ Maatewosii fi Luqaas, akka kitaabban seenaa Kiristiyaanaa jedhutti; Wangeelota isaanii yemmuu barreessan Wangeela Maarqos waan of harkaa qabaniif Wangeela isaa kana irraas immoo yaada hedduu irraa akka fudhatanii fi koppii godhatantu dubbatama. Sababni isaas Wangeelli jalqaba barreeffame Wangeela Maarqosidha. Innis immoo ofii isaatiyyuu barataa Yesus hin turre.

❖ Macaafni Maatewos afaan ibraayistiin barreesse waan du’a Yesusi fi rarraafama isaas hin dubbatu, kan afaan Girikii immoo kan inni barreesse miti, nama biraatu hiike, namni hiikes hin beekamu.

❖ Barattoonni Yesus tokkoo iyyuu kan Yesus bira dhaabbate hin jiru, hundinuu ni baqatan. [Maarqos 14:50], [Yohannis 16:32] irra ilaalaa.

❖ Namoonni isa qabuuf dhufan ni gaggaban, yeroon sun immoo yeroo inni gama samiitti ol-fuudhameedha. [Yohannis 18:6]

❖ Macaafni Kakuu Moofaan waa’ee du’a isaa rarraafamuu isaa hin dubbatu.

❖ Namni rarraafamu abaaramaadha. [Ergaa Gara warra Galaatiyaa 3:13]

Walumaagalatti fannifamuu isaa Qur’aanni Kabajamaan ifaan ifatti mormee jira. Macaafni Qulqulluun amma harka Kiristiyaanotaa jirus kanuma gargaara malee hin faallessu nama hubateef.
Yihuudicha Yesusin gane nama “-” jedhamu Rabbiin bifaa fi
haasawaan akka Yesus Kiristos wajjiin wal-fakkaatu taasisee Israa’eloonni Namticha ganaa kana fannisuun ajjeesuu isaanii Wangeelli Barnaabaas addeessee jira.


[Ammas waan isaan “nuti Masiih Iisaa ilma Maryam, ergamaa Rabbii, ajjeefnee jirra” jedhaniif (isaan abaarre) Isaaniitti fakkeeffame malee isa hin ajjeefne; hin fannisnes.

Dhugumatti, isaan isa keessatti wal dhaban isa irraa shakkii keessa jiru. Yaada hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatuu hin qaban. Qabatamaatti isaan isa hin ajjeefne.] (Qur’aana 4:157)

بَل رَّفَعَهُ اللَّهُ إِلَيْهِ ۚ وَكَانَ اللَّهُ عَزِيزًا حَكِيمًا

[Dhugumatti Rabbiin gara isaatti ol isa fuudhe. Rabbiin injifataa, ogeessa ta’e.] (Qur’aana 4:158)

Kanaafuu nu Muslimtoonni woggaa woggaan akka Yesus Kiristos hin ajjeefamin, hin fannifamin ragaa bahaa jiraannaa. Xumurameera.

Amantaa Lamaan Irraa

by: @Khaalid_Abdoo

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1792


"Yesuus Kiristoos Gara Samii Ol Fuudhamuu" 👇👇👇👇

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1791


Репост из: 𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩
IMALA DHUGAA:
👉Yahuudichi yesuusiin dabarsee kenne
✝️ Maatiwoos 27:3-5 irratti Yahuudichi meeti 30 yesuusiin itti gurgurate Mana qulqullumma keessatti darbee ergasii of rarraase.
✝️H/Ergamtoota 1:5-18 irratti Yahuudichi meeticha lafaan bitatee ergasii mataadhan kufee tarsa'e mar'imaan isaa bakkee guute jedha.
🤔Yahuudichi akkamitti du'e? Meeticha maal godhe Kan jedhu shakkii ajaa'ibati.

               #Shakkii 10ffaa fi xumuraa
👉Namni fannifame maal ta'a? Isa jedhuudha.
Akka Kiristaanonni yaadanutti Yesuusiin Yihudonni  ajaja Philaaxos kenneen mukaratti fannisanii ajjesan. Garuu Namni muka irratti fannifamee du'e akka  Macaafatti balalaaleffatamaadha Abaaramaadha.

Yesuusis Abaaramaadhaa ? Phaawulos akka Yesuus abaarame ragaa bahee jira. Garuu eenyutu Waaqa abaara? Namni ofiif Abaaramaa ta'e nama fayyaduu dandaa'aa?

✝️Seera keessa deebii 21:23 irratti akkana jedha
“guyyaadhuma sana haa awwaalamu malee, reeffi isaa mukicha irra hin bulin! Namni mukatti rarraafame Waaqayyo duratti abaaramaa dha; biyya Waaqayyo gooftaan kee akka dhaaltuuf siif kennu hin xureessin!"

✝️Gaalaatiyaa 3:13 irrattis akkana jedha
“Kristos immoo nuuf jedhee abaaramaa ta'uudhaan, abaarsa isa seerichi nutti fidu jalaa nu fureera; akkuma caafame, "Namni mukatti rarraafame abaaramaa dha" in jedha."

Obbolewwan kiyya macaafni akkanatti qabxicha qur'aana Suura nisaa'a 4:157 Sana dhugaa ta'uu isaa nuuf mirkaneessa.

Akkuma qur'aanni dubbate jarri shakii ajaa'iba keessa jiru kanaaf hanga har'aatti yaada mataa isaanii duuka bu'an Akkuma qur'aanni jedhe.

Shera godhii jzk hundi namaa akka argu dubbii tana facaasi🙏
Qopheessan ana👇
https://t.me/Gingilchaadhugaa

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1772


Репост из: 𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩
Gingilchaa Dhugaa:
AKKUMA KIRISTAANONNI JEDHAN YESUUS AJJEEFAMEE JIRA?
#DEEBIIN:- Hin ajjeefamne kan jedhuudha.

AKKUMA QUR'AANNI JEDHE KIRISTAANONNI SHAKKII KEESSA JIRU.
✍️ Obbolewwan kiyya Akkuma qur'aanni jedhe Kiristaanonni du'iinsa iyesuus keessatti shakkii keessa jiraachuun isaanii beekkamaadha.

وَقَوْلِهِمْ إِنَّا قَتَلْنَا الْمَسِيحَ عِيسَى ابْنَ مَرْيَمَ رَسُولَ اللَّهِ وَمَا قَتَلُوهُ وَمَا صَلَبُوهُ وَلَٰكِن شُبِّهَ لَهُمْ ۚ وَإِنَّ الَّذِينَ اخْتَلَفُوا فِيهِ لَفِي شَكٍّ مِّنْهُ ۚ مَا لَهُم بِهِ مِنْ عِلْمٍ إِلَّا اتِّبَاعَ الظَّنِّ ۚ وَمَا قَتَلُوهُ يَقِينًا

"Ammas waan isaan 'nuti masiih Iisaa ilma mariyam, ergamaa rabbii ajjeefnee jirra' jedhaniif isaan abaarre, #isaanitti_fakkeeffame malee Isa hin #ajjeefne; hin fannifamnes. Dhugumatti isaan Isa keessatti #wal_dhaban_isa_irraa_shakkii keessa jiru.yaada mataa isaanii hordofuu malee Isa irraa beekkumsa homaatuu hin qaban.qabatamaan isaan Isa hin ajjeefane".
[Al-qur'an 4:157]

SHAKKII QUR'AANNI JEDHU KANA MEE MACAAFAAN HAA MIRKANEESSINU

               #Shakkii 1ffaa
👉Iyesuus wayta qabamu
✝️ Maatiwoos 26:47-50 irratti iyesuusiin yahuudichatu dhungatee Isa qabsiisee jedha.
✝️ Yohannis 18:3-9 irratti immoo iyesuus ofumaa itti gad bahee of qabsiisee jedha.
🤔Iyesuus ofii of qabsiisee moo yahuudichatu qabsiise Kan jedhu shakkii Isa duraati.

              #Shakkii 2ffaa
👉Iyesuus wayta qabamu sana wayinicha fudhatee?
✝️Maatiwoos 27:34 irratti yesuus wayinicha fudhatee dhandhame jedha.
✝️Maarqoos 15:23 irratti yesuus wayinicha fudhachuu ni dide jedha.

              #Shakkii 3ffaa
👉Fannoo yesuus irratti fannifame eenyutu baate?
✝️Yohaannis 19:17 irratti yesuustu baate jedha.
✝️Maatiwoos 27:32 irratti siimontu baate jedha.

               #Shakkii 4ffaa
👉 Sa'aati fannoo iyesuus
✝️ Maarqoos 15:25 irratti Kan iyesuus itti fannifame sa'aa 3:00 jedha.
✝️ Yohannis 19:14 irratti immoo sa'aa 6:00
✝️ Maatiwoos 27:46 irratti sa'aa 9:00 jedha.
🤔Sa'aatii meeqatti akka fannifames shakkii keessa jiran.

               #Shakkii 5ffaa
👉Du'ee ka'uu isaa keessatti
✝️ Maatiwoos 28:3-9 irratti malaa'ikicha tokkotu balbala awwaalicha dhagaa irraa taa'e iyesuus galiila deemeera jedheen.
✝️ Maarqoos 16:5-6 irratti dargaggeessa tokko awwalichaa keessatti gara mirgaatin argan.
✝️ Luuqas 24:3-5 irratti namoota lama awwaalicha keessatti bukkee isaanitti argan jedha.
✝️ Yohannis 20:11-18 irratti malakoota lama boolla keessatti argani.iyesuus achumatti boolla irratti argame.
🤔Dhagaha inni dura Maatiwoos fi Maarqoos keessatti malakaadha moo dargaggeessa?boolla keessa moo boollaan ala?Kan jedhuudha
🤔 Luqaas fi Yohannis keessatti immoo malakoota lama moo dargaggeessa lama Kan jedhuudha.
🤔 Maatiwoos fi Yohannis keessatti iyesuus galiila deeme moo achumatti mul'ate Kan jedhu keessatti shakkii keessa jiran.

               #Shakkii 6ffaa
👉Bakka awwaalicha eenyutu dhaqee?
✝️Yohaannis  20:1 irratti  mariyam ishee magdalaa qofaadha jedha.
✝️Luqaas  24:10 irratti mariyam ishee magdalaa, Maariyam haadha yaaqoobi, yo'aanaa, fi dubartoota kanneen biroos jedha.

               #Shakkii 7ffaa
👉Boolla keessa hangam ture?
✝️ Maatiwoos 12:40 irratti ilmi namaa halkan 3 fi guyyaa 3 boolla keessa tura jedha.
Namni jimaata galgala awwaalamee dilbata gamana boolla keessa dhabame halkan 2 fi guyyaa 1 qofaadha.

                #Shakkii 8ffaa
👉Kan fannifame eenyudha?
✝️Akka Kiristaanonni jedhanitti yesuustu fannifame jedhu
✝️Macaafa faarfannaa 22:6-7 irratti #raammoodha jedha.
Farfannaa 22:1 fi Maatiwoos 27:46  kan jedhe yesuusi moo raammoodha?
Farfannaa 22:15 fi Yohaannis 19:28 waan wal fakkaata dubbata
Faarfannaa 22:16 fi Yohaannis 20:25 waan wal fakkaata dubbata
Faarfannaa 22:18 fi Maatiwoos 27:35 waan tokko dubbata
➡️Waan isin ajaa'ibu macaafni faarfannaa kan jedhaa jiru kan fannifame raammoodha jedha kiristaanonni immoo shawwadaadhaf dubbii raammoodhaf jedhame yesuusitti uffisan subahaanallah.

                 #Shakkii 9ffaa

https://t.me/Gingilchaadhugaa

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1771


Репост из: 𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩
Akkuma Kiristaanonni Jedhan Yesuus Fannifamee Jiraa?

Suuraan Armaan Oliitti Argamu Kum Yesuusiii?

Waaqni Nama Ajjeesamoo Namaan Ajjeefamaa?

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1770




Репост из: 𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩
Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram
Waaqayyo Harree Teessifamee Dhufeeraa 😁😁😁

Waaqatu Ilmoo Harreetiin Deemaa😁😁😁

Diraamaa Worra Soddaa Ilaalaa😂😂😂

Luqaas 19:35 (HAH) #Ilmoo_harree_sanas_Yesuusitti_fidan; uffata isaaniis harree sana irra buusan; Yesuusinis irra teessisan.

Maarqos 11:7 (HAH) #Ilmoo_harree_sanas_Yesuusitti_fidan; uffata isaaniis ilmoo harree irra buusan; innis irra taaʼe.

🎯 @Rafiiqul_Islaam


Репост из: 𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩
وَلَمۡ يَكُن لَّهُۥ كُفُوًا أَحَدُۢ

Hiriyaan tokkoos isaaf hin taane.”

🛑 9, Allaahaan Isa Duraatis Isa Boodaatis.

[Al-Hadid 57:3]

هُوَ ٱلۡأَوَّلُ وَٱلۡأٓخِرُ وَٱلظَّٰهِرُ وَٱلۡبَاطِنُۖ وَهُوَ بِكُلِّ شَيۡءٍ عَلِيمٌ

Inni duruma jira; kan boodaatis; mul’ataadha; dhokataas (argaa dha); Inni waan hunda beekaadha.

🛑 10, Allaahaan Kan Hin Duune Kan Hin Rafne Kan Mugaatiinis Isa Hin Qabneedha.

[Al-Baqarah 2:255]

ٱللَّهُ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ٱلۡحَيُّ ٱلۡقَيُّومُۚ لَا تَأۡخُذُهُۥ سِنَةࣱ وَلَا نَوۡمࣱۚ لَّهُۥ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِۗ مَن ذَا ٱلَّذِي يَشۡفَعُ عِندَهُۥٓ إِلَّا بِإِذۡنِهِۦۚ يَعۡلَمُ مَا بَيۡنَ أَيۡدِيهِمۡ وَمَا خَلۡفَهُمۡۖ وَلَا يُحِيطُونَ بِشَيۡءࣲ مِّنۡ عِلۡمِهِۦٓ إِلَّا بِمَا شَآءَۚ وَسِعَ كُرۡسِيُّهُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَۖ وَلَا يَئُودُهُۥ حِفۡظُهُمَاۚ وَهُوَ ٱلۡعَلِيُّ ٱلۡعَظِيمُ

Rabbiin Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru; (Inni) jiraataadha; waan hundaan dhaabbataadha Mugaatiis ta’ee hirribni Isa hin qabatu Wanti samii keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru (hundi) kan Isaati Inni hayyama Isaatiin ala Isa biratti araarsu eenyuma? Waan fuuldura isaaniitiifi waan duuba isaaniis ni beeka Beekumsa Isaa irraas waan Inni fedhetti malee hin marsanu Kursiin Isaa samiifi dachii irra bal’ateeraIsaan lamaan tiksuun Isa hin dadhabsiisu Innis ol ta’aa, guddaadha.

[Al-Furqan 25:58]

وَتَوَكَّلۡ عَلَى ٱلۡحَيِّ ٱلَّذِي لَا يَمُوتُ وَسَبِّحۡ بِحَمۡدِهِۦۚ وَكَفَىٰ بِهِۦ بِذُنُوبِ عِبَادِهِۦ خَبِيرًا

Jiraataa Isa hin duune irratti hirkadhu Faarsuu Isaa waliin Isa qulqulleessi Badii gabroota Isaa iccitii beekuu keessatti Isumatu ga’aadha.


🛑 11, Allaahaan Beekaa Waa Hundaati.

[Al-Hashr 59:22 - 24]

هُوَ ٱللَّهُ ٱلَّذِي لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَۖ عَٰلِمُ ٱلۡغَيۡبِ وَٱلشَّهَٰدَةِۖ هُوَ ٱلرَّحۡمَٰنُ ٱلرَّحِيمُ

Inni Allaahn Isa gabbaramaan dhugaa isa malee hin jirre(Inni) Beekaa fagoofi dhihooti Inni akkaan rahmataa godhaa akkaan mararfataadha.


هُوَ ٱللَّهُ ٱلَّذِي لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ٱلۡمَلِكُ ٱلۡقُدُّوسُ ٱلسَّلَٰمُ ٱلۡمُؤۡمِنُ ٱلۡمُهَيۡمِنُ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡجَبَّارُ ٱلۡمُتَكَبِّرُۚ سُبۡحَٰنَ ٱللَّهِ عَمَّا يُشۡرِكُونَ

Inni Allaahii Isa gabbaramaan dhugaa isa malee hin jirre, mootii, hir'ina irraa qulqulluu, abbaa nagayaa, nageenya arjoomaa, Qeexaa, injifataa, guddaa (ol ta'aa), boonaadha Waan isaan qindeessan hunda irraa Rabbiin qulqullaa'e.


هُوَ ٱللَّهُ ٱلۡخَٰلِقُ ٱلۡبَارِئُ ٱلۡمُصَوِّرُۖ لَهُ ٱلۡأَسۡمَآءُ ٱلۡحُسۡنَىٰۚ يُسَبِّحُ لَهُۥ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۖ وَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡحَكِيمُ

Inni Rabbii Uumaa (waan hundaa), (waan hin jirre) Argamsiisaa, bocaa ta'eedha Isaaf maqoolee gaggaarii ta'antu jira Wantoonni samiifi dachii keessaa Isa qulqulleessu (faarsu)Inni Injifataa ogeessa.


🛑 12, Allaahaan Kan Nam Tokkollee Biyya Lafaa Kana Irratti Arguu Hin Dandeenyeedha.

[Al-An'am 6:102 - 103]

ذَٰلِكُمُ ٱللَّهُ رَبُّكُمۡۖ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَۖ خَٰلِقُ كُلِّ شَيۡءࣲ فَٱعۡبُدُوهُۚ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءࣲ وَكِيلࣱ 

Kan akkana hojjate kun Rabbii keessani Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru(Inni) uumaa waan hundaatii, Isa (qofa) gabbaraaInnis waan hunda tiksaadha.


لَّا تُدۡرِكُهُ ٱلۡأَبۡصَٰرُ وَهُوَ يُدۡرِكُ ٱلۡأَبۡصَٰرَۖ وَهُوَ ٱللَّطِيفُ ٱلۡخَبِيرُ 

)Addunyaatti) agartuun Isa hin agartu Inni immoo agartuu hunda ni arga Inni mararfataa, beekaadha.

✅ Allaahaa Jechuun Isa Kanaadha.

📶 Obboleessa Kiyya Qaalii Obboleettii Kiyya Qaalii Namni Waan Uumamteef Beektu Hubannoodhaan Dubbisi Si Fayyadaa Erga Dubbistee Xumurtee Share Godhuu Hin Dagatinii.

Haa Xiqqaattuu Haa Guddatuu Waan Ergaa Islaamaa Dubbatu Dubbisii San Booda Hiriyoota Keessaniif Facaasaa Jzk 🥰🥰

✍✍ @Rafiqul_Islaam

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1735


Репост из: 𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩
#ALLAAHAAN_EENYU_YOO_SIIN_JEDHAN?


https://t.me/Rafiiqul_Islaam

🛑 1, Allaahaan Isa Dhugaan Gabbaramuudha, Jiraataa Isa Ta'eedha.

[Aal-e-Imran 3:2]

ٱللَّهُ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ٱلۡحَيُّ ٱلۡقَيُّومُ

Rabbiin Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru [Inni] jiraataa, waan hundaan dhaabbataadha.

🛑 2, Allaahaan Uumaa Waa Hunda Uumeedha.

[Az-Zumar 39:62]

ٱللَّهُ خَٰلِقُ كُلِّ شَيۡءࣲۖ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءࣲ وَكِيلࣱ

Rabbiin uumaa waan hundaati Inni waan hunda irrattis tiksaadha.


🛑 3, Allaahaan Uumaa Samii fi Dachiiti.

[Al-Baqarah 2:117]

بَدِيعُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۖ وَإِذَا قَضَىٰٓ أَمۡرࣰا فَإِنَّمَا يَقُولُ لَهُۥ كُن فَيَكُونُ

(Inni) argamsiisaa samiifi dachiitiYeroo dhimma wahii murteesses, wanti Inni isaan jedhu argamii qofa; yeroma san argama.

🛑 4, Allaahaan Kam Samii fi Dachii Akkasuma Waan Ishee Keessaas Qindiidhaan Argamsiiseedha.

[Ash-Shura 42:11]

فَاطِرُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۚ جَعَلَ لَكُم مِّنۡ أَنفُسِكُمۡ أَزۡوَٰجࣰا وَمِنَ ٱلۡأَنۡعَٰمِ أَزۡوَٰجࣰا يَذۡرَؤُكُمۡ فِيهِۚ لَيۡسَ كَمِثۡلِهِۦ شَيۡءࣱۖ وَهُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡبَصِيرُ

(Inni) uumaa samiifi dachiiti Lubbuu keessan irraa qindiiwwan (haadholee manaa) isiniif godhe; beyladoota irraas cimdii (kormaafi dhalaa isiniif taasise) Bifa kanaan isin baay’isa Fakkaataan Isaa (Allaah) hin jiru Inni dhaga’aa, argaadha.

🛑 5, Allaahaan Uumaa Hundaq Guyyoota [6] Keessatti Argamsiiseedha.

[Al-A'raf 7:54]

إِنَّ رَبَّكُمُ ٱللَّهُ ٱلَّذِي خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ فِي سِتَّةِ أَيَّامࣲ ثُمَّ ٱسۡتَوَىٰ عَلَى ٱلۡعَرۡشِۖ يُغۡشِي ٱلَّيۡلَ ٱلنَّهَارَ يَطۡلُبُهُۥ حَثِيثࣰا وَٱلشَّمۡسَ وَٱلۡقَمَرَ وَٱلنُّجُومَ مُسَخَّرَٰتِۭ بِأَمۡرِهِۦٓۗ أَلَا لَهُ ٱلۡخَلۡقُ وَٱلۡأَمۡرُۗ تَبَارَكَ ٱللَّهُ رَبُّ ٱلۡعَٰلَمِينَ

Dhugumatti, Gooftaan keessan Rabbii Isa samiifi dachii guyyoota jaha keessatti uumee ergasii Arshii irratti (ol ta’iinsa isaaf malu) ol ta’eedha Haala ariitiidhaan isa barbaada ta'een halkaniin guyyaa haguuga Aduu, ji’aafi urjiiwwanis kan ajaja Isaatiin laaffifaman ta'anii (isaan uume)Dhagayaa! Uumuuniifi ajajnis kan Isaati Rabbiin Gooftaa aalamaa ta’e toltuun isaa baay’ate.

🛑 6, Allaahaan Kan Ilma Namaa Jalqaba Biyyee Irraa Uumee Ergasii Bishaan Irraa Jiraqchiseedha.

[As-Sajdah 32:7]

ٱلَّذِيٓ أَحۡسَنَ كُلَّ شَيۡءٍ خَلَقَهُۥۖ وَبَدَأَ خَلۡقَ ٱلۡإِنسَٰنِ مِن طِينࣲ

(Inni) isa waan uume hunda miidhagseefi uumama namaa dhoqqee irraa jalqabeedha.

[Al-Mu'minun 23:12 - 14]

وَلَقَدۡ خَلَقۡنَا ٱلۡإِنسَٰنَ مِن سُلَٰلَةࣲ مِّن طِينࣲ

Dhugumatti, Nuti ilma namaa qulqulluu (cunfaa) dhoqqee irraa ta'e irraa uumne.


ثُمَّ جَعَلۡنَٰهُ نُطۡفَةࣰ فِي قَرَارࣲ مَّكِينࣲ

Sana booda coba bishaan saalaa kan iddoo tasgabbaa’aa, mijaa'aa (gadaamessa) keessatti isa taasifne.


ثُمَّ خَلَقۡنَا ٱلنُّطۡفَةَ عَلَقَةࣰ فَخَلَقۡنَا ٱلۡعَلَقَةَ مُضۡغَةࣰ فَخَلَقۡنَا ٱلۡمُضۡغَةَ عِظَٰمࣰا فَكَسَوۡنَا ٱلۡعِظَٰمَ لَحۡمࣰا ثُمَّ أَنشَأۡنَٰهُ خَلۡقًا ءَاخَرَۚ فَتَبَارَكَ ٱللَّهُ أَحۡسَنُ ٱلۡخَٰلِقِينَ

Sana booda bishaan saalaa dhiiga ititaa taasifne; ergasii dhiiga ititaa muraa foonii taasifne; ergasii foonittii (sana) lafee taasifne; ergasii lafees foon itti uffifne; sana booda uumama biraa (daa’ima) isa goone Rabbiin irra tolchaa uumtotaa ta’e qulqullaa’e!


🛑 7, Allaahaan Isa Nyaachisu Ofii Isaatii Kan Hin Nyaanne.

[Al-An'am 6:14]

قُلۡ أَغَيۡرَ ٱللَّهِ أَتَّخِذُ وَلِيࣰّا فَاطِرِ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَهُوَ يُطۡعِمُ وَلَا يُطۡعَمُۗ قُلۡ إِنِّيٓ أُمِرۡتُ أَنۡ أَكُونَ أَوَّلَ مَنۡ أَسۡلَمَۖ وَلَا تَكُونَنَّ مِنَ ٱلۡمُشۡرِكِينَ

"Sila Rabbii uumaa samiifi dachii, inni kan nyaachisu hin nyaanne ta'een alan gabbaramaa tolfadhaa?" jedhi"Ani jalqaba nama Rabbiif bulee ta'uuttin ajajame Mushrikoota irraas hin ta'in (jedhameera)" jedhi

[Ash-Shu'ara' 26:79]

وَٱلَّذِي هُوَ يُطۡعِمُنِي وَيَسۡقِينِ

Inni Isa na nyaachisuufi na obaasuudha.

🛑 8, Allaahaan Kan Hin Dhalleefii Kan Hin Dhalanneedha.

[Al-Ikhlas 112:1 - 4]

قُلۡ هُوَ ٱللَّهُ أَحَدٌ

Jedhi: "Inni Allaah (gabbaramaa dhugaa) tokkicha.


ٱللَّهُ ٱلصَّمَدُ

Allaahn hirkoo waa hundaati.


لَمۡ يَلِدۡ وَلَمۡ يُولَدۡ

Hin dhalle hin dhalannes.


https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1734


Репост из: 𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩
𝐘𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 𝐈𝐬𝐫𝐚𝐚'𝐢𝐥𝐢𝐢𝐟 𝐐𝐨𝐟𝐚 𝐄𝐫𝐠𝐚𝐦𝐮𝐮 𝐑𝐚𝐠𝐚𝐚𝐥𝐞𝐞 𝐌𝐚𝐜𝐚𝐚𝐟𝐚 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐚.

【𝑹𝒂𝒇𝒊𝒊𝒒𝒖𝒍 𝑰𝒔𝒍𝒂𝒂𝒎 رفيق الإسلام】

𝐇𝐮𝐛𝐚𝐜𝐡𝐢𝐢𝐬𝐚: 𝐘𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐝𝐮𝐛𝐛𝐢𝐬𝐮𝐮𝐟 𝐣𝐞𝐭𝐭𝐚𝐧 𝐢𝐬𝐢𝐧𝐢𝐬 𝐨𝐟 𝐀𝐦𝐦𝐚𝐲𝐲𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚 𝐝𝐮𝐛𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐜𝐚𝐚𝐟𝐧𝐢 𝐀𝐧𝐢 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐟𝐢𝐝𝐞 𝐚𝐤𝐤𝐚𝐬 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐚𝐚 [𝐇𝐀𝐇] 𝐇𝐢𝐢𝐤𝐚 𝐀𝐦𝐦𝐚𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐇𝐚𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐚𝐚. 🙈🙈


【𝐖𝐨𝐧𝐠𝐞𝐞𝐥𝐚 𝐌𝐚𝐚𝐭𝐢𝐰𝐨𝐨𝐬 2:5】
👌Maatewos 2:5 (HAH)  Isaanis akkana jedhanii deebisaniif; “Beetlihem Yihuudaatti dhalata; kunis dubbii raajichi, “ ‘Yaa Beetlihem ishee biyya Yihuudaa, ati gonkumaa bulchitoota Yihuudaatii gad miti; bulchaan saba koo Israaʼelin tiksu si keessaa ni baʼaatii’ jedhee barreesse sanaa dha.”

【𝐖𝐨𝐧𝐠𝐞𝐞𝐥𝐚 𝐌𝐚𝐚𝐭𝐢𝐰𝐨𝐨𝐬 10:5-6】
👌 Maatewos 10:5 (HAH)  Yesuusis warra kudha lamaan kanneen erge; akkanas jedhee isaan ajaje; “Gara Namoota Ormaa hin dhaqinaa; magaalaawwan Samaariyaa tokko illee hin seeninaa.

👌 Maatewos 10:6 (HAH)  Qooda kanaa gara hoolota mana Israaʼel kanneen badan sanaa dhaqaa.

【𝐖𝐨𝐧𝐠𝐞𝐞𝐥𝐚 𝐌𝐚𝐚𝐭𝐢𝐰𝐨𝐨𝐬 15:24】
👌 Maatewos 15:24 (HAH)  Inni immoo, “Ani hoolota mana Israaʼel kanneen badan sana qofaafan ergame” jedhee deebise.

【𝐖𝐨𝐧𝐠𝐞𝐞𝐥𝐚 𝐌𝐚𝐚𝐭𝐢𝐰𝐨𝐨𝐬 19:28】
👌 Maatewos 19:28 (HAH)  Yesuus immoo akkana isaaniin jedhe; “Ani dhuguma isinittin hima; addunyaa haaraa keessatti, yeroo Ilmi Namaa teessoo isaa ulfina qabeessa sana irra taaʼutti, isin warri na duukaa buutanis akkasuma teessoowwan kudha lama irra teessanii gosoota Israaʼel kudha lamaanitti murtu.

【𝐖𝐨𝐧𝐠𝐞𝐞𝐥𝐚 𝐌𝐚𝐚𝐫𝐪𝐨𝐨𝐬 12:29】
👌 Maarqos 12:29 (HAH)  Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ajajni ajajawwan hunda caalu isa kana; ‘Yaa Israaʼel dhagaʼi! Waaqayyo Gooftaan keenya Gooftaa tokkicha.

【𝐖𝐨𝐧𝐠𝐞𝐞𝐥𝐚 𝐋𝐮𝐪𝐚𝐚𝐬 1:32】
👌 Luqaas 1:32 (HAH)  Innis guddaa ni taʼa; Ilma Waaqa Waan Hundaa Olii jedhamees ni waamama. Waaqni Gooftaanis teessoo Abbaa isaa Daawit ni kennaaf;

【𝐖𝐨𝐧𝐠𝐞𝐞𝐥𝐚 𝐋𝐮𝐪𝐚𝐚𝐬 1:54】
👌Luqaas 1:54 (HAH)  Inni araara qabeessa taʼuu isaa yaadachaa garbicha isaa Israaʼelin gargaareera;

【𝐖𝐨𝐧𝐠𝐞𝐞𝐥𝐚 𝐋𝐮𝐪𝐚𝐚𝐬 2:25】
👌 Luqaas 2:25 (HAH)  Kunoo, namichi qajeelaan Waaqa sodaatu kan maqaan isaa Simiʼoon jedhamu tokko Yerusaalem keessa ture. Innis jajjabeeffama Israaʼel eeggachaa ture; Hafuurri Qulqulluunis isa irra ture.

【𝐖𝐨𝐧𝐠𝐞𝐞𝐥𝐚 𝐘𝐨𝐡𝐚𝐚𝐧𝐧𝐢𝐬 17:6】
👌 Yohannis 17:6 (HAH)  “Ani namoota ati addunyaa keessaa naa kennitetti maqaa kee beeksiseera. Isaan kan kee turan; ati isaan naa kennite; isaanis dubbii kee eeganiiru.

【𝐖𝐨𝐧𝐠𝐞𝐞𝐥𝐚 𝐘𝐨𝐡𝐚𝐚𝐧𝐧𝐢𝐬 17:9】
👌Yohannis 17:9 (HAH)  Ani isaaniif nan kadhadha. Warri ati naa kennite waan kan kee taʼaniif isaaniifin kadhadha malee addunyaaf hin kadhadhu.

【𝐇𝐨𝐣𝐢𝐢 𝐄𝐫𝐠𝐚𝐦𝐭𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚 5:31】
👌 Hojii 5:31 (HAH)  Waaqni akka inni Israaʼeliif qalbii jijjiirrachuu fi dhiifama cubbuu kennuuf jedhee bulchaa fi Fayyisaa godhee mirga ofiitti ol ol isa qabe.

【𝐇𝐨𝐣𝐢𝐢 𝐄𝐫𝐠𝐚𝐦𝐭𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚 13:23】
👌 Hojii 13:23 (HAH)  “Waaqnis akkuma abdachiise sana, sanyii nama kanaa keessaa Yesuus fayyisaa saba Israaʼeliif fide.

✍✍ @Rafiqul_Islaam

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1720


Gaaffii 1ffaa

Waaqayyoon dhala nama  fayyisuuf ofii isaaf dhufe moo Ilma isaa tokkicha erge ? 

Akka Ortoodoksiin amanatanitti Waaqayyoon foon namaa uffatee (nama of fakkeessee) addunyaa baraaruuf gara biyya lafa   dhufe.
Garuu Macaafni Qulqulluun, Wangeela Yohannis 3:16 irratti akkas jedha:  ˝Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa   hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate."
Dabalataan Yohannis 1ffaa 4:9 irratti akkas jedhe:   “Waaqayyo akka nuyi isaan jireenya argannuuf,  tokkicha ilma isaa gara biyya lafaatti erge.”

Kana irratti Gaaffii nuti qabnu:
Akkuma isin  Kiristaanonni  jettan Waaqayyo foon uffatee addunyaa  baraaruuf gara biyya lafa dhufe moo ? Akkama macaafni jedhutti  ilma isaa tokkicha  biyya lafaaf erge ?   Akka isaan lamanuu tokko hin jenneef, inni  erge (Waaqaa) fi inni ergame(ilmi)  qaama garaa garaa lama ta'uun ifaadha.  Kana males ragaan baay'een kan Waaqayyoon ilma isaa erge jedhu Macaafa keessa jira. Yohannis 1ffaa 4:14 ilaali.

Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.
👇👇👇
@Saahibuddiin28


Gaaffiiwwan 100 bifa kanaan qopheessinee edit muraasa qofatu nu hafa. Bifa PDF tiin isiniif maxxansinu moo tokko tokkoon akkanatti isiniif maxxansuu filattu ?

Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.
👇👇👇
@Saahibuddiin28


🔖 Allahu Akbar الله أكبر jecha waan hundaaf qorichaa fi furtuu ta'e dha.

عن أبي هريرة رضي الله عنه

قال رسول الله ﷺ ”... ولا كَبَّرَ مُكَبِّرٌ قطُّ إلَّا بُشِّرَ ، قيل : بالجنةِ ؟ قال : نَعَمْ“ السلسلة الصحيحة (1621)

“Namni Takbiiraa (Allah Akbar) jedhu hin jiru yoo gammachiifame malee 'Jannataanii?' jedhamee gaafatamnaan Eeyyee jedhan ﷺ."

🛰 @ifaislaamaa

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1704


اَلسَلامُ عَلَيْكُم وَرَحْمَةُ اَللهِ وَبَرَكاتُهُ‎


عيدكم مبارك..

كل عام وأنتم بخير، تقبل الله طاعتكم، وأعاد عليكم العيد بالخير واليمن والبركات.

أسأل الله أن يجعل أيامكم أفراحًا، وأن يرزقكم السعادة والرضا.

🎯 @Rafiiqul_Islaam




Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.
👇👇👇
@Saahibuddiin28


22.✝Kiristaanonni macaafni keenya jecha waaqaati Afuura qulqulluun barreefame jedhu.
📖Macaafa isaani Phaawulos "Akka isa gooftaan dubbachuuf anaaf kennetti utuu hin ta'in akka nama gowwattin dubbadha jedha(2Qorontos 11:17).
23.✝Kiristaanota  Phaawulos ergamaadha sagalee waaqaa qofa nuuf hima jedhu.
📖Macaafa isaani  Phaawulos "warra kaan immoo gooftaa utuu hin ta'in #ani_nan_gorsa" jedha (1Qorontos 7:12)
Inumaa phaawulos yoo waaqa guddisuuf jecha sobe akka rakkoo hin qabne dubbata
"Garuu soba kootiin dhugaan Waaqayyoo caalaa mul'atee, ulfina kennisiisaaf yoo ta'e, maaliif ammuma iyyuu akka cubbamaatti yakki anatti muramaa jira ree?
(Roomaa 3:7).

24.✝Kiristaanota yesus qofatu nuuf jecha fannifame jedhu
📖Phaawulos  "ani Kristosii wajjin fannifameera" jedha (Galaatiyaa2:19)
25. ✝Kiristaanota yesus jireenya barabara (jennata) nuuf kenna jedhu
📖Macaafa isaani Yesus namoota akka jennata isaan seensisuuf isa kadhataniif deebisa kana kenne  "gara mirga koo yookiis gara bitaa koo taa'uu garuu kennuun kan koo miti; taa'umsi sun warra kanaan dura abbaa kootiin qopheeffameefiif ta'a" isaaniin jedhe.
(maatewos 20:23).
26.✝Kiristaanota Yesuus guyyaa dhumaa(qiyaamaa) nu fudhachuudhaaf  dhufa
📖Macaafa isaani  Namoota maqaa Yesuusiin Raaji hojjanne jedhanuun isin hin beeku jechuuf dhufa. (Maatewos7:22 Guyyaa isa dhumaa sanatti namoonni baay'een, 'Yaa gooftaa, yaagooftaa, nuyi maqaa keetiin raajii dubbanneerra, maqaa keetiin hafuurota hamoota baafneerra, hojii aangoos maqaa keetiin baay'ee hojjenneerra mitii?' anaan jedhu.
23 Ani immoo yeroo sanatti, 'Matumaa #ani isin hin beeku, isin yaa warra hamaa hojjettanii, ija koo duraa badaa!' jedheen mul'inatti isaanitti hima" jedhe.
27.✝Kiristaanota Dubartiin amantii keenya keessatti dhiira barsiisuu dandeessi.
📖Macaafa isaani  "Dubartiin gabiitti haa jiraattu nan jedha malee, haa barsiiftu, dhiira irrattis aboo haa qabaattu hin jedhu; " (1Ximotewos 2:12).
28.✝Kiristaanota Macaafni keenya fira fuuchuu ni dhowwa.
📖Macaafa isaani Adaadaa yookiin obboleetti Abbaa ofii fuchuun akka ta'u barsiisa.
" Amraam Yokebeedin obboleettii abbaa isaa fuudhe, isheen Aaronii fi Musee in deesseef; barri Amraam jiraate waggaa dhibbaa fi soddomii torba ture. (Seera ba'u 6:20)
29.✝Kiristaanota fuuchuu fi heeruumuun jennata keessa hin jiru.
📖Macaafa isaani Dhiira tokkoof dubartii dhibba tokkootu (100) jennata keessatti jira, jedha
" ስለ ስሜም ቤቶችን ወይም ወንድሞችን ወይም እኅቶችን ወይም አባትን ወይም እናትን ወይም #ሚስትን ወይም ልጆችን ወይም እርሻን የተወ ሁሉ መቶ እጥፍ ይቀበላል የዘላለምንም ሕይወት ይወርሳል።"
(ማቴ 19: 29)
#Hubachiisa Sababni ani Macaafa afaan Amaaraa  irraa isiniif dhiheesseef Macaafa qulqulluu Afaan Oromoo irraa bakki #Haadha_mana jedhu waan haqaniif jecha,👇👇
Namni maqaa kootiif jedhee manneen yookiis obboloota yookiis obboleettota yookiis abbaa yookis haadha
yookis(_⁉️)        ijoollee yookis araddaa dhiise, dachaa dhibba in fudhata; jireenya bara baraas in argata.
(Maatewos 19:29)
30.✝Kiristaanota Macaafni keenya Daadhi waynii(dhugaaati nama macheessu) dhuguu ni dhorga malee itti hin ajaju.
📖Macaafa isaani "Si'achi sababii garaa keetiif sababii_ammaa amma dadhabbiin sitti dhaga'amuufis daadhii waynii xinnoo itti dabalii dhugi malee, bishaan duwwaa hin dhugin! ( 1Ximotewos 5 :23).

Mee warra kiristaanaa eega macaafni keessan faallaa hojii keessanii ta'e macaafa isa kamiin hordofaa jirtu?????     
Maaliif ofitti taphattu lammii koo adara!!
Amantii jechuun dhimma lubbuuti. dhimma Namni sababaa isiitiif biyya lamaanitti Milkaa'u ykn honga'u Kanaaf itti yaaduun barbaachisaadha.
Abbaan ykn Armeen tiyya amanti kana qabu jechuuf osoo hin taane ragaa fi Qorannoon ta'uu qaba.
Yoo dhugumaan dogongorri gama kiyyaan kan jiru tahe Ragaadhaa wajjin akka naaf sirreesitanu isin gaafadhu.
Yoo dhugaa ta'e immoo Maaliif akka Macaafichatti Amanuu hin barbaanne nuuf ibsa.

#Hubachiisa yoo akka carraa ta'ee kiristaanonni macaafa isaanii irraa keeyyata yaada isaanii kan armaan olii kana deeggaru fidatan qabxiin sun qabxii ani dhiheesse armaan olii kanaan akka walfaallessu hubatamuu qaba.


Wal-dhabbii Kiristaanotaa fi Macaafa Qulqulluu
Qabxiiwwan soddoma kan Kiristaanonni Islaamummaa mormuuf jecha osoo beekanuu fudhachuu didan.
Muslimoonni  share gochuun jara biran ga'a.

1.✝ Kiristaanota  👉🏻 Waaqayyo tokkos,Sadii'is.
📖 Macaafa jaraa👉🏻 Waaqayyo keenya kophaa isaagooftaadha. [Marqos 12:29]
2.✝ Kiristaanota👉🏻Yesuus Waaqayyo biraa hin qabu inni ofiifuu waaqayyodha.
📖 Macaafa Isaanii👉🏻 Yesuus Immoo Ana hin qabin gara #waaqayyo #kootiif waaqayyo keessaniitti ol nan ba'aa jedhe[Yohannis 20:17]

3.✝kiristaanota👉🏻 Yesuus nama miti.
📖Macaafa Yesuus ilaama
Nama ofiin jedhe.[yohannis 8:40].
4.✝Kiristaanota👉🏻Waaqayyo nama fakkaatee mullate.

📖Macaafa Isaanii👉🏻Waaqayyoon akkana jedha"Ani Waaqayyodha male nama miti [Hose'a 11:9].
5.✝Kiristaanota 👉🏻Yesuus cubbuu keenyaaf jecha du'eera.
📖Macaafa Isaanii👉🏻 Cubbuu namni tokko hojjateef namni biroo hin du'u,lubbuun cubbuu hojjate ofumaaf ni du'a.[Hesqi'el 18:20].
6.✝Kiristaanota👉🏻Yesuusiif Abbaan tokkuma wol hin caalanu.
📖Macaafa isaanii👉🏻 yesuus akkas jedhe: "Abbaan ana caala[ yohannis 14:28]
7.✝Kiristaanota👉🏻Yesuus Addunyaa hundaaf Ergame.
📖Macaafa isaanii 👉🏻"Yesuus ani Israa'el  duwwaaf malee hin Ergamne"[Matiyos 15:24]
8.✝Kiristaanota👉🏻Yesuus humna isaatiin waan hunda ni hojjata.
📖Macaafa isaanii👉🏻 "Yesuus Ani Humnakootiin homaa hojjachuu hin danda'u" [Yohannis 5:30]
9.✝Kiristaanota👉🏻Yesuusitti kan amanu jireenya bara baraa qaba.
📖Macaafa Isaanii👉🏻 Yesuus akkana jedhe:"Isa   Ana Ergetti(Waaqatti ) kan amanu jireenya bara baraa qaba".[Yohannis 5:24]
10.✝Kiristaanota👉🏻Yesuus ni farada.
📖Macaafa Isaanii👉🏻 Yesuus "Ani Hin faradu"[Yohannis 12:47].
11.✝Kiristaanota Yesuus du'ee du'aa moo'e kaheera.
📖Macaafa Isaanii 👉🏻Yesuus waaqayyoon isa du'a oolchuu danda'u kadhate,kadhatni isaas waan dhagaa'ameef du'a Ooleera.[Ibroota 5:7]
12.✝Kiristaanota 👉🏻Yesuus Ergamaa ykn Raajii  miti.
📖Macaafa isaanii Yesuus Ergamaadha[Ibroota 3:1]
13.✝Kiristaanota 👉🏻Seerri Moofaan Yesuusiin Diigameera.
📖Macaafa Isaanii👉🏻"Ani seera diiguuf hin dhufne Ittiin raawwachuufan dhufe male"[Matiyos 5:17]
14.✝Kiristaanota👉🏻"yesuus qofaaf jilbeenfadhaa sagadaa.
📖Macaafa Isaanii,👉🏻Yesuus akkas jedhe "waaqayyoon qofaaf jilbeenfadhuu sagadi,isa qofaafis hojjadhu"[Matiyos 4:10]

15.✝kiristaanota👉🏻Yesuus waan  hunduma ofii isaan beeka.
📖Macaafa Isaanii👉🏻Yesuus ofii waan tokko akka hin beekne hima,guyyaan dhumaa/qiyaamaan yoom akka ta'e hin beeku."Guyyicha sana Abbaakoo duwwaatu beeka"[Marqos 13:32].

16.Kiristaanota 👉🏻Waaqayyo yeroo lafarra turetti  nama (Yesus)ta'ee Mullateera.
📖Macaafa isaanii👉🏻Waaqayyoon Eenyumtuu ijaan hin argine.[ Yohannis 1:18]
17.✝ kiristaanota👉  Macaafni keenya waraana (lola )irraa nama dhowwa
📖Macaafa isaani 👉Akkana jechuun ajjeesutti ajaja "Dhiira, Dubartoota, ijoollee Harma hootu, manguddoo, Gaala, Qotiyyoo "ajjeesa fixa jedha( Macaafa Saamu'el isa dura 15:3).
18.✝Kistaanota Yesus Nama Ajjesuutti hin ajaju.
📖Macaafa isaani yesus " Warra isaan irratti moo'u ko hin barbaanne ija koo duratti fida gorra'aa" jedhe
( Luqaas 19:27).Hubachiisa akka Macaafni barsiisutti jechuudha malee Yesuus Badii hojjata jechuu kiyyaa miti.
19.✝Kiristaanota Amantiin keenya dubartii Tokkoo ol fuuchuu ni dhowwa
📖Macaafa isaani  Dubartii Kuma tokko(1000)  fuuchuun akka jiru barsiisa (Macaafa moototaa isa dura 11:3)
20,✝Kiristaanota Dubartiin kiristaana Rifeensa ishee agooggachuun ishee hin barbaachisu.
📖Macaafa isaani Dubartiin yoo mataa ishee agooggachuu baate Rifeensa ishee haa murattu  jedha( 1Qoronxoos 11:5_7).
21.✝Kiristaanota Dubartiin kiristaanaa Surree( kofoo) uffatuuf rakkoo hin qabu.Macaafni keenyas hin dhorku.
📖Macaafa isaani "Dubartiin uffata dhiiraa uffattu waaqayyo birratti ciiga'amtuu) jibbamtuu)dha jedha   
(Seera keessa deebii 22:5)


Репост из: Daandii Milkii(Jennataa)
gooftaa ta'uu Yesuus.pdf
1.2Мб
Yesuus gooftaa jedhamee jiraa? Gooftaa jechuun maali ? Buusa dubbisa!

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Показано 20 последних публикаций.