Daandii Milkii(Jennataa)


Channel's geo and language: Iran, Persian
Category: not specified


Chaanaaliin kun kan barsiisu Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabuun madaaluudha (Comparative religions). Dubbisi, xiinxali, gulaali, madaali, filadhu, hordofi, nama itti affeeri.
Yaadaaf @Saahibu28

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Iran, Persian
Statistics
Posts filter


Forward from: 𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩
𝗤𝗼𝗿𝗺𝗮𝗮𝘁𝗮 𝗤𝘂𝗿'𝗮𝗮𝗻𝗮


Qur'aanni iddoowwan (boqonnaawwan) hedduu irratti ilmaan Namaa hunda akkana jechuun qormaata:

قُل لَّئِنِ اجْتَمَعَتِ الْإِنسُ وَالْجِنُّ عَلَىٰ أَن يَأْتُوا بِمِثْلِ هَٰذَا الْقُرْآنِ لَا يَأْتُونَ بِمِثْلِهِ وَلَوْ كَانَ بَعْضُهُمْ لِبَعْضٍ ظَهِيرًا

(Jedhi: “odoo ilmi namaatiifi jinnoonnis fakkaataa Qur’aana kanaatiin dhufuu irratti walitti qabamanii, odoo gariin isaanii gariif gargaaraa ta’aniis fakkaataa isaatiin hin dhufan.”) [Qur'aana 17:88]

وَإِن كُنتُمْ فِي رَيْبٍ مِّمَّا نَزَّلْنَا عَلَىٰ عَبْدِنَا فَأْتُوا بِسُورَةٍ مِّن مِّثْلِهِ وَادْعُوا شُهَدَاءَكُم مِّن دُونِ اللَّهِ إِن كُنتُمْ صَادِقِينَ

(Yoo waan Nuti gabricha keenya irratti buufne (Qur’aana) irraa mamii keessa taataniif, yoo kan dhugaa dubbattan taataniif, suuraa akka isaa [tokko] fidaatii ragoota (gargaartotaafi deeggartoota) keessan kan Rabbiin ala jiranis waamadhaa.) [Qur'aana 2:23]

وَمَا كَانَ هَٰذَا الْقُرْآنُ أَن يُفْتَرَىٰ مِن دُونِ اللَّهِ وَلَٰكِن تَصْدِيقَ الَّذِي بَيْنَ يَدَيْهِ وَتَفْصِيلَ الْكِتَابِ لَا رَيْبَ فِيهِ مِن رَّبِّ الْعَالَمِينَ * أَمْ يَقُولُونَ افْتَرَاهُ ۖ قُلْ فَأْتُوا بِسُورَةٍ مِّثْلِهِ وَادْعُوا مَنِ اسْتَطَعْتُم مِّن دُونِ اللَّهِ إِن كُنتُمْ صَادِقِينَ

(Qur’aanni kun Rabbii gaditti sobaan kan uumamu hin taane Garuu dhugoomsaa (kitaabota) isa dura turaniitiifi addeessaa (seeraati) Gooftaa aalama hundaa irraa ta’uu isaa mamiin tokkos isa keessa hin jiru. Moo sila isaan “isatu (Muhammadtu) of irraa isa uume” jedhu? “Oggas suuraa tokko kan isa fakkaattu fidaaYoo kan dhugaa dubbattan taatan, Rabbii gaditti nama dandeessan (gargaarsaaf) waamadhaa” jedhi.) [Qur'aana 10:37-38]

أَمْ يَقُولُونَ افْتَرَاهُ ۖ قُلْ فَأْتُوا بِعَشْرِ سُوَرٍ مِّثْلِهِ مُفْتَرَيَاتٍ وَادْعُوا مَنِ اسْتَطَعْتُم مِّن دُونِ اللَّهِ إِن كُنتُمْ صَادِقِينَ

(“Inumaayyuu isatu (Qur’aana) of biraa uume” jedhuu? “yoo kan dhugaa dubbattan taatan Rabbiin ala waan dandeessan waamadhaatii, suuraa kudhan kan (isin biraa) uumamtuu taate kan isa fakkaattu fidaa” jedhiin.) [Qur'aana 11:13]

أَمْ يَقُولُونَ تَقَوَّلَهُ ۚ بَل لَّا يُؤْمِنُونَ * فَلْيَأْتُوا بِحَدِيثٍ مِّثْلِهِ إِن كَانُوا صَادِقِينَ

(Sila isatu isa (Qur’aana) uume jedhu moo?” lakkii, isaanumatu hin amanne. Yoo kan dhugaa dubbatan ta’aniif haasaa fakkaataa isaatiin haa dhufanu.) [Qur'aana 52:33-34]

Qormaata fi affeerri Qur'aanni dhiheessuu fi inni "Mee fakkaataa isaa fidaa" jedhu akka jirutti ta'ee Araboonni yeroo san jiraataa turan wolaloo fi ciigoo iddoo ol aanaa kanneen kennamuuf ta'uu isaanii wajjiin suurama gad aanaa ta'ee fakkeessanii dhiheessuu hin dandeenye.

Qormaanni kun hanga ammaa illee akkuma jirutti yoo ta'u waggaa 1400 booda illee gantuun goonni ani nan jira jedhee falmuuf fuul-dura isaa kan dhaabbatu hin mul'anne, amma boodas ilmaan Namaa addunyaa irra jiran biliyoona 8 oli fi jinnoonnis osoo wal gargaaranii fakkaataa Qur’aanaa kana fiduu tasumaa hin danda’an.

itti fufa...
Waliif qoodaa keeyrii tana facaasaa.
Jzk ❤
𝗤𝗼𝗽𝗵𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗮;
© Ifaa Dhugaa

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1510


Nabiyyiin saw akkas jedhan:  " Yeroo baatiin Raamadaanaa dhufe Ulaan jennataa  ni banamti, Ulaan ibiddaa ni cufamti. Mata  Jajjaboon Sheexaanaa ni hidhamu." (Muslim 1079).


Forward from: 𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩
#Oduu_Ammee
#Ramadan_Mubarak
Soomni Ramadaana bara Hijraa 1446/2025 bor kan eegalu ta'uun ifoome.  Haaluma kanaan galgala har'aa Salaatni tarahwii ni eegalama.

Baga Rabbi baatii filatamaa, jaallatamaafi kabajamaadhaan nu gahe. Nama irraa fayyadamu Rahmaan nu haa taasisu.

© Spider Media


Jiini Raamadaanaa Itti Jiraa Boru Ta'uun Ni Malaa Kanaafuu Dura Dhiifama Woliif Haa Goonuu


✔️𝐘𝐨𝐨𝐧 𝐒𝐢 𝐌𝐮𝐟𝐚𝐜𝐡𝐢𝐢𝐬𝐞𝐞 𝐉𝐢𝐫𝐚𝐚𝐝𝐡𝐞
✔️ 𝐘𝐨𝐨𝐧 𝐒𝐢 𝐇𝐚𝐦𝐚𝐝𝐡𝐞𝐞 𝐉𝐢𝐫𝐚𝐚𝐝𝐡𝐞
✔️ 𝐘𝐨𝐨 𝐒𝐢 𝐀𝐚𝐫𝐬𝐞𝐞 𝐉𝐢𝐫𝐚𝐚𝐝𝐡𝐞
✔️ 𝐘𝐨𝐨𝐧 𝐒𝐢 𝐀𝐫𝐫𝐚𝐛𝐬𝐞𝐞 𝐉𝐢𝐫𝐚𝐚𝐝𝐡𝐞
✔️ 𝐘𝐨𝐨𝐧 𝐍𝐚𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐖𝐨𝐥𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐒𝐢 𝐍𝐚𝐪𝐞𝐞 𝐉𝐢𝐫𝐚𝐚𝐝𝐡𝐞
✔️ 𝐘𝐨𝐨𝐧 𝐌𝐚𝐪𝐚𝐚 𝐊𝐞𝐞 𝐗𝐮𝐫𝐞𝐞𝐬𝐬𝐞𝐞 𝐉𝐢𝐫𝐚𝐚𝐝𝐡𝐞
✔️ 𝐘𝐨𝐨𝐧 𝐒𝐢 𝐊𝐢𝐣𝐢𝐛𝐞𝐞 𝐉𝐢𝐫𝐚𝐚𝐝𝐡𝐞
✔️ 𝐘𝐨𝐨 𝐉𝐞𝐜𝐡𝐚𝐚𝐧 𝐒𝐢 𝐌𝐢𝐢𝐝𝐡𝐞𝐞 𝐉𝐢𝐫𝐚𝐚𝐝𝐡𝐞
✔️ 𝐘𝐨𝐨𝐧 𝐆𝐨𝐜𝐡𝐚𝐚𝐧 𝐒𝐢 𝐌𝐢𝐢𝐝𝐡𝐚𝐚 𝐉𝐢𝐫𝐚𝐚𝐝𝐡𝐞

♻️ 𝐀𝐟𝐨𝐨𝐧𝐚𝐚𝐧𝐢𝐥𝐥𝐚𝐚𝐡 𝐑𝐚𝐛𝐛𝐢𝐢𝐟 𝐉𝐞𝐜𝐡𝐚 𝐍𝐚𝐚𝐟 𝐉𝐞𝐝𝐡𝐢𝐢 𝐈𝐥𝐦𝐢 𝐍𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐍𝐢 𝐃𝐨𝐠𝐨𝐠𝐠𝐨𝐫𝐚 𝐖𝐚𝐚𝐧 𝐓𝐚𝐡𝐞𝐞𝐟 𝐀𝐧𝐢 𝐖𝐨𝐥𝐥𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚 𝐃𝐚𝐧𝐝𝐞𝐞𝐭𝐭𝐢𝐢 𝐇𝐢𝐧 𝐐𝐚𝐛𝐮𝐮 𝐃𝐡𝐢𝐢𝐟𝐚𝐦𝐚 𝐎𝐛𝐛𝐨𝐥𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚 𝐀𝐡𝐤𝐢𝐫𝐚𝐚 𝐃𝐡𝐢𝐢𝐟𝐚𝐦𝐚 𝐎𝐛𝐛𝐨𝐥𝐞𝐞𝐭𝐭𝐢 𝐀𝐡𝐤𝐢𝐫𝐚𝐚 𝐊𝐮𝐧 𝐃𝐡𝐚𝐚𝐦𝐬𝐚 𝐖𝐨𝐥𝐢𝐢𝐟 𝐈𝐫𝐫𝐚 𝐃𝐚𝐫𝐛𝐮𝐮𝐭𝐢𝐢 𝐊𝐚𝐧𝐚𝐚𝐟𝐮𝐮 𝐎𝐛𝐛𝐨𝐥𝐞𝐞𝐲𝐲𝐚𝐧 𝐀𝐡𝐤𝐢𝐫𝐚𝐚 𝐈𝐫𝐫𝐚 𝐖𝐨𝐥𝐢𝐢𝐟 𝐃𝐚𝐫𝐛𝐮𝐮𝐝𝐡𝐚𝐚𝐧 𝐍𝐚𝐦𝐚 𝐐𝐚𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐐𝐚𝐥𝐛𝐢𝐢 𝐆𝐮𝐮𝐭𝐮𝐮𝐝𝐡𝐚𝐚𝐧 𝐒𝐨𝐨𝐦𝐚𝐧𝐮 𝐑𝐚𝐛𝐛𝐢 𝐍𝐮𝐡𝐚 𝐓𝐚𝐚𝐬𝐢𝐬𝐮𝐮.

♻️ 𝐎𝐛𝐛𝐨𝐥𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚 𝐊𝐢𝐲𝐲𝐚 𝐊𝐚𝐛𝐚𝐣𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐎𝐛𝐛𝐨𝐥𝐞𝐞𝐭𝐭𝐢 𝐊𝐢𝐲𝐲𝐚 𝐊𝐚𝐛𝐚𝐣𝐚𝐦𝐭𝐮𝐮 𝐀𝐤𝐤𝐚 𝐃𝐡𝐢𝐢𝐟𝐚𝐦𝐚 𝐍𝐚𝐚𝐟 𝐆𝐨𝐨𝐭𝐚𝐧 𝐘𝐨𝐨𝐧 𝐁𝐞𝐞𝐤𝐚𝐚 𝐈𝐬𝐢𝐧 𝐌𝐮𝐟𝐚𝐜𝐡𝐢𝐢𝐬𝐞𝐞 𝐉𝐢𝐫𝐚𝐚𝐝𝐡𝐞 𝐘𝐨𝐨𝐧 𝐎𝐬𝐨𝐨 𝐈𝐬𝐢𝐧 𝐇𝐢𝐧 𝐁𝐞𝐞𝐤𝐢𝐧 𝐈𝐬𝐢𝐧 𝐌𝐮𝐟𝐚𝐜𝐡𝐢𝐢𝐬𝐞𝐞 𝐉𝐢𝐫𝐚𝐚𝐝𝐡𝐞 𝐑𝐚𝐛𝐛𝐢𝐢𝐟 𝐉𝐞𝐜𝐡𝐚 𝐀𝐤𝐤𝐚 𝐃𝐡𝐢𝐢𝐟𝐚𝐦𝐚 𝐍𝐚𝐚𝐟 𝐆𝐨𝐨𝐭𝐚𝐧𝐮𝐮.

Yaada Yoo Qabaattan Asiin Naaf Ergaa @Rafiqul_Islaam

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1472


Forward from: 𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته

𝑩𝒂𝒈𝒂 𝑹𝒂𝒃𝒃𝒊𝒊𝒏 𝑱𝒂𝒍𝒂 𝑩𝒖𝒍𝒕𝒊𝒊 𝑺𝒐𝒐𝒎𝒂𝒏𝒂𝒂𝒕𝒊𝒊𝒏 𝑰𝒔𝒊𝒏 𝑮𝒂𝒉𝒆𝒆 𝑸𝒂𝒒𝒒𝒂𝒂𝒍𝒊𝒊𝒘𝒘𝒂𝒏 𝑲𝒐𝒐

𝐌𝐚𝐭𝐚 𝐃𝐮𝐫𝐞𝐞𝐧 𝐃𝐮𝐛𝐛𝐢𝐢 𝐊𝐨𝐨𝐭𝐢𝐢 𝐆𝐚𝐥𝐚𝐭𝐞𝐞𝐟𝐟𝐚𝐧𝐧𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚

𝐃𝐮𝐫𝐬𝐚 𝐊𝐚𝐧 𝐆𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐊𝐚𝐧𝐚𝐚𝐧 𝐍𝐮 𝐆𝐚𝐡𝐞𝐞𝐟 𝐀𝐥𝐡𝐚𝐦𝐝𝐮𝐥𝐢𝐥𝐥𝐚𝐚𝐡 𝐑𝐚𝐛𝐛𝐢𝐢 𝐊𝐢𝐲𝐲𝐚𝐧 𝐅𝐚𝐚𝐫𝐬𝐚𝐚 𝐈𝐭𝐭𝐢 𝐀𝐚𝐧𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐑𝐚𝐛𝐛𝐢𝐢 𝐆𝐚𝐝𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐍𝐚𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚𝐧 𝐀𝐤𝐤𝐚𝐚𝐧 𝐉𝐚𝐚𝐥𝐥𝐚𝐝𝐡𝐮𝐮𝐟𝐚𝐧 𝐁𝐚𝐠𝐚 𝐒𝐨𝐨𝐦𝐚𝐧𝐚 𝐊𝐚𝐧𝐚𝐚𝐧 𝐈𝐬𝐢𝐧 𝐆𝐚𝐡𝐞 𝐉𝐞𝐜𝐡𝐮𝐮𝐧 𝐁𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐝𝐚𝐚

𝑬𝒓𝒈𝒂 𝑹𝒂𝒃𝒃𝒊𝒊𝒕𝒊𝒊 𝑵𝒂𝒎𝒐𝒐𝒕𝒂 𝑮𝒂𝒓𝒆𝒆 𝑺𝒉𝒂𝒉𝒂𝒂𝒅𝒂𝒂 𝑱𝒆𝒅𝒉𝒖𝒖𝒏 𝑵𝒂𝒎𝒐𝒐𝒕𝒂 𝑯𝒆𝒅𝒅𝒖𝒖𝒅𝒉𝒂𝒂𝒇 𝑯𝒊𝒅𝒂𝒂𝒚𝒂𝒂 𝑻𝒂'𝒂𝒂 𝑱𝒊𝒓𝒂𝒏𝒖𝒏 𝑮𝒂𝒍𝒂𝒕𝒆𝒆𝒇𝒇𝒂𝒄𝒉𝒖𝒖 𝑩𝒂𝒓𝒃𝒂𝒂𝒅𝒂𝒂 𝑨𝒔𝒊𝒓𝒓𝒂𝒕𝒕𝒊 𝑵𝒂𝒎𝒐𝒐𝒕𝒂 𝑮𝒂𝒓𝒆𝒆 𝑺𝒉𝒂𝒉𝒂𝒂𝒅𝒂𝒂 𝑰𝒓𝒓𝒂𝒕𝒕𝒊 𝑭𝒊𝒏𝒚𝒐𝒐𝒏 𝑳𝒂𝒂'𝒊𝒍𝒂𝒂𝒉 𝑰𝒍𝒍𝒂𝒍𝒍𝒂𝒂𝒉 𝑾𝒐𝒍𝒊𝒕𝒕𝒊 𝑵𝒖 𝑯𝒊𝒊𝒕𝒆 𝑮𝒖𝒚𝒚𝒂𝒂 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒏 𝑵𝒖 𝒈𝒂𝒉𝒆𝒆𝒇 𝑮𝒂𝒍𝒂𝒏𝒏𝒊 𝑹𝒂𝒃𝒃𝒊𝒊𝒏 𝑯𝒂𝒂 𝒈𝒂'𝒖𝒖.

𝑵𝒂𝒎𝒐𝒐𝒕𝒂 𝑺𝒖𝒖𝒓𝒂𝒂 𝑨𝒓𝒎𝒂𝒂𝒏 𝑶𝒍𝒊𝒊 𝑰𝒓𝒓𝒂𝒕𝒕𝒊 𝑨𝒓𝒈𝒂𝒎𝒕𝒂𝒏 𝑯𝒖𝒏𝒅𝒂𝒂𝒇 𝑩𝒂𝒈𝒂 𝑹𝒂𝒃𝒃𝒊𝒊𝒏 𝑺𝒐𝒐𝒎𝒂𝒏𝒂 𝑫𝒉𝒖𝒇𝒂𝒂 𝑱𝒊𝒓𝒖 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇 𝑱𝒂𝒍𝒂 𝑩𝒖𝒍𝒕𝒊𝒊𝒅𝒉𝒂𝒂𝒏 𝑰𝒔𝒊𝒏 𝑮𝒂𝒉𝒆𝒆 𝑹𝒂𝒃𝒃𝒊𝒊𝒏 𝑵𝒂𝒎𝒂 𝑺𝒐𝒐𝒎𝒂𝒏𝒆𝒆 𝑲𝒂𝒚𝒊𝒓𝒊𝒊 𝑮𝒖𝒖𝒕𝒖𝒖 𝑰𝒔𝒂 𝑲𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂 𝑱𝒊𝒓𝒖 𝑩𝒐𝒐𝒋𝒊'𝒂𝒕𝒖 𝑵𝒖 𝑯𝒂𝒂 𝑻𝒂𝒂𝒔𝒊𝒔𝒖𝒖 𝑨𝒔𝒊𝒓𝒓𝒂𝒕𝒕𝒊 𝑲𝒂𝒏𝒏𝒆𝒆𝒏 𝑨𝒏𝒊 𝑨𝒌𝒌𝒂𝒂𝒏 𝑱𝒂𝒂𝒍𝒍𝒂𝒅𝒉𝒖𝒍𝒍𝒆𝒆 𝑲𝒂𝒏 𝑺𝒖𝒖𝒓𝒂𝒂𝒏 𝑱𝒂𝒓𝒂𝒂 𝑲𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂 𝑯𝒊𝒏 𝑱𝒊𝒓𝒓𝒆𝒍𝒍𝒆𝒆 𝑵𝒊 𝑱𝒊𝒓𝒖𝒖 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖‌ 𝑲𝒂𝒂𝒚𝒚𝒐𝒐𝒏 𝑲𝒆𝒆𝒏𝒚𝒂𝒔 𝑮𝒂𝒍𝒎𝒊 𝑲𝒆𝒆𝒏𝒚𝒂𝒔 𝑨𝒍𝒉𝒂𝒎𝒅𝒖𝒍𝒊𝒍𝒍𝒂𝒂𝒉 𝑻𝒐𝒌𝒌𝒐𝒐 𝑵𝒂𝒎𝒂 𝑰𝒕𝒕𝒊 𝑴𝒊𝒍𝒌𝒂𝒂'𝒖 𝑵𝒖 𝑯𝒂𝒂 𝑻𝒂𝒂𝒔𝒊𝒔𝒖𝒖.

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1466?single


Forward from: 𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته

𝑩𝒂𝒈𝒂 𝑹𝒂𝒃𝒃𝒊𝒊𝒏 𝑱𝒂𝒍𝒂 𝑩𝒖𝒍𝒕𝒊𝒊 𝑺𝒐𝒐𝒎𝒂𝒏𝒂𝒂𝒕𝒊𝒊𝒏 𝑰𝒔𝒊𝒏 𝑮𝒂𝒉𝒆𝒆 𝑸𝒂𝒒𝒒𝒂𝒂𝒍𝒊𝒊𝒘𝒘𝒂𝒏 𝑲𝒐𝒐

𝑨𝒌𝒌𝒖𝒎𝒂 𝑩𝒆𝒆𝒌𝒂𝒎𝒖 𝑵𝒂𝒎𝒐𝒐𝒕𝒂 𝑨𝒌𝒌𝒂𝒂𝒏 𝑨𝒏‌𝒊 𝑱𝒂𝒂𝒍𝒍𝒂𝒅𝒉𝒖𝒖𝒇𝒊𝒊 𝑨𝒌𝒌𝒂𝒂𝒏 𝑮𝒂𝒍𝒂𝒕𝒆𝒆𝒇𝒇𝒂𝒅𝒉𝒖 𝑯𝒆𝒅𝒅𝒖𝒖𝒕𝒖 𝑱𝒊𝒓𝒂𝒂 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖 𝑬𝒓𝒈𝒂 𝑹𝒂𝒃𝒃𝒊𝒊𝒕𝒊𝒊 𝑵𝒂𝒎𝒐𝒐𝒕𝒂𝒏 𝑨𝒌𝒌𝒂𝒂𝒏 𝑮𝒂𝒍𝒂𝒕𝒐𝒐𝒎𝒇𝒂𝒅𝒉𝒖 𝑲𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒂 𝑴𝒖𝒓𝒂𝒂𝒔𝒂 𝑲𝒂𝒏𝒏𝒆𝒆𝒏 𝑭𝒊𝒏𝒚𝒐𝒐𝒏 𝑳𝒂𝒂'𝒊𝒍𝒂𝒂𝒉 𝑰𝒍𝒍𝒂𝒍𝒍𝒂𝒂𝒉 𝑾𝒐𝒍𝒊𝒕𝒕𝒊 𝑵𝒖 𝑯𝒊𝒊𝒕𝒆𝒆 𝑱𝒊𝒓𝒕𝒖 𝑲𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒂 𝑴𝒖𝒓𝒂𝒂𝒔𝒂 𝑨𝒔𝒊𝒓𝒓𝒂𝒕𝒕𝒂𝒏 𝑮𝒂𝒍𝒂𝒕𝒆𝒆𝒇𝒇𝒂𝒄𝒉𝒖𝒖 𝑩𝒂𝒓𝒃𝒂𝒂𝒅𝒂𝒂 𝑱𝒂𝒛𝒂𝒂𝒏 𝑱𝒂𝒓𝒂𝒂 𝑱𝒆𝒏𝒏𝒂𝒕𝒂 𝑹𝒂𝒃𝒃𝒊 𝑯𝒂𝒂 𝑻𝒂𝒂𝒔𝒊𝒔𝒖𝒖.

𝐒𝐡𝐞𝐞𝐤𝐨𝐭𝐚 𝐊𝐨𝐨 𝐀𝐤𝐤𝐚𝐚𝐧 𝐀𝐧𝐢 𝐉𝐚𝐚𝐥𝐥𝐚‌𝐝𝐡𝐮 𝐍𝐚𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐀𝐧𝐢 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐖𝐨𝐥𝐥𝐚𝐚𝐥𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐆𝐚𝐫𝐚 𝐁𝐞𝐞𝐤𝐮𝐦𝐬𝐚𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐃𝐡𝐮𝐟𝐮 𝐍𝐚 𝐓𝐚𝐚𝐬𝐢𝐬𝐚𝐧 𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚 𝑬𝒓𝒈𝒂 𝑹𝒂𝒃𝒃𝒊𝒊𝒕𝒊𝒊 𝐍𝐚𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐊𝐚𝐧𝐚𝐧 𝐆𝐚𝐥𝐚𝐭𝐞𝐞𝐟𝐟𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚.

1, 𝐒𝐡𝐞𝐢𝐤𝐡 𝐘𝐚𝐳𝐢𝐢𝐝 𝐀𝐡𝐦𝐚𝐝
2, 𝐒𝐡𝐞𝐢𝐤𝐡 𝐑𝐚𝐛𝐢𝐢 𝐍𝐚𝐳𝐢𝐢𝐟
3, 𝐔𝐬𝐭𝐚𝐚𝐳 𝐀𝐛𝐮 𝐀𝐚𝐬𝐢𝐲𝐚𝐚
4, 𝐔𝐬𝐭𝐚𝐚𝐳 𝐉𝐚𝐦𝐚𝐚𝐥 𝐀𝐛𝐝𝐚𝐥𝐥𝐚𝐚𝐡

𝐊𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐁𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐂𝐨𝐦𝐩𝐚𝐫𝐚𝐭𝐢𝐯𝐞 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢𝐦𝐦𝐨𝐨 𝐍𝐚𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐀𝐧𝐢 𝐀𝐤𝐤𝐚𝐚𝐧 𝐉𝐚𝐚𝐥𝐥𝐚𝐝𝐡𝐮𝐮𝐟𝐢𝐢 𝐀𝐤𝐤𝐚𝐚𝐧 𝐊𝐚𝐛𝐚𝐣𝐮 𝐊𝐚𝐧 𝐀𝐧𝐚 𝐅𝐚𝐚𝐧𝐚 𝐃𝐡𝐚𝐚𝐛𝐛𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐧 𝐊𝐚𝐧 𝐍𝐚 𝐉𝐚𝐣𝐣𝐚𝐛𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚 𝐓𝐮𝐫𝐚𝐧𝐢𝐢𝐟𝐢𝐢 𝐊𝐚𝐧 𝐒𝐚𝐛𝐚𝐛𝐚 𝐓𝐚'𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐍𝐚 𝐁𝐚𝐫𝐬𝐢𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐓𝐮𝐫𝐚𝐧 𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚 𝐀𝐧𝐢 𝐆𝐚𝐥𝐚𝐭𝐚 𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐧 𝐃𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐮𝐮𝐟 𝐇𝐨𝐦𝐚𝐚 𝐇𝐢𝐧 𝐃𝐚𝐧𝐝𝐚'𝐮𝐮 𝐆𝐚𝐥𝐚𝐧𝐧𝐢 𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐧 𝐇𝐚𝐚 𝐓𝐚𝐚𝐭𝐮 𝐉𝐚𝐧𝐧𝐚𝐭𝐮𝐥 𝐅𝐢𝐫𝐝𝐚𝐰𝐮𝐬𝐢𝐢𝐧 𝐊𝐚𝐧𝐧𝐞𝐞𝐧 𝐀𝐤𝐤𝐚𝐚𝐧 𝐍𝐚 𝐂𝐢𝐧𝐚𝐚 𝐃𝐡𝐚𝐚𝐛𝐛𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐧 𝐍𝐚 𝐉𝐚𝐣𝐣𝐚𝐛𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚 𝐓𝐮𝐫𝐚𝐧

1, @Urjiinfurguggatamte
2, @Tofik_Apologist
3, @IbnuAdinaan
4, @Saahibu28
5, @First_to_Islam
6, @ifaahaqaa
7, @Restisrust0
8,
9,
10, @Rafiqul_Islaam

𝑯𝒖𝒃𝒂𝒄𝒉𝒊𝒊𝒔𝒂: 8 𝒇𝒊 9𝒇𝒇𝒂𝒂 𝑰𝒋𝒐𝒐𝒍𝒍𝒆𝒆 𝑫𝒖𝒃𝒂𝒓𝒂𝒂 𝑰𝒓𝒓𝒂𝒂𝒚𝒚𝒊𝒊 𝑴𝒂𝒒𝒂𝒂 𝑱𝒂𝒓𝒂𝒂 𝑴𝒂𝒙𝒙𝒂𝒏𝒔𝒖𝒖 𝑩𝒆𝒆𝒌𝒂𝒂𝒏 𝑫𝒉𝒊𝒊𝒔𝒆𝒆 𝑱𝒂𝒓𝒓𝒆𝒆𝒏 𝑺𝒂𝒏𝒊𝒍𝒍𝒆𝒆 𝑯𝒆𝒅𝒅𝒖𝒖𝒏 𝑮𝒂𝒍𝒂𝒕𝒆𝒆𝒇𝒇𝒂𝒅𝒉𝒂𝒂

𝑱𝒂𝒓𝒓𝒆𝒆𝒏 𝑨𝒏𝒊 𝑴𝒂𝒒𝒂𝒂 𝑫𝒉𝒂𝒉𝒆 𝒌𝒂𝒏𝒂 𝑸𝒐𝒇𝒂 𝑶𝒔𝒐𝒐 𝑯𝒊𝒏 𝑻𝒂𝒂𝒏𝒆𝒆 𝑲𝒂𝒏𝒏𝒆𝒆𝒏 𝑯𝒂𝒇𝒂𝒏𝒊𝒍𝒍𝒆𝒆 𝑯𝒆𝒅𝒅𝒖𝒖𝒅𝒉𝒂𝒂 𝑯𝒂𝒂 𝑻𝒂'𝒖𝒖 𝑴𝒂𝒍𝒆𝒆 𝑱𝒂𝒓𝒓𝒆𝒆𝒏 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒏 𝑯𝒆𝒅𝒅𝒖𝒖 𝑮𝒂𝒍𝒂𝒕𝒆𝒆𝒇𝒇𝒂𝒄𝒉𝒖𝒖 𝑩𝒂𝒓𝒃𝒂𝒂𝒅𝒂𝒂.

𝑵𝒂𝒎𝒐𝒐𝒕𝒂 𝑲𝒖𝒓𝒏𝒂𝒏 (10) 𝒀𝒂𝒂 𝑹𝒂𝒃𝒃𝒊 𝑨𝒌𝒌𝒂 𝑺𝒂𝒉𝒂𝒂𝒃𝒐𝒕𝒂 𝑫𝒖𝒓𝒂𝒂𝒏𝒊𝒊  𝑨𝒔𝒉𝒂𝒓𝒂𝒍 𝑴𝒖𝒃𝒂𝒔𝒉𝒂𝒓𝒂 𝑱𝒆𝒅𝒉𝒂𝒎𝒂𝒏𝒊𝒊 𝑱𝒆𝒏𝒏𝒂𝒕𝒂𝒂𝒏 𝑮𝒂𝒎𝒎𝒂𝒄𝒉𝒊𝒊𝒇𝒂𝒎𝒂𝒏 𝑨𝒏𝒂 𝑫𝒂𝒃𝒂𝒍𝒂𝒕𝒆𝒆 𝑲𝒖𝒓𝒏𝒂𝒏 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒍𝒍𝒆𝒆 𝑹𝒂𝒃𝒃𝒊𝒊𝒏 𝑨𝒔𝒉𝒂𝒓𝒂𝒕𝒂𝒍 𝑴𝒖𝒃𝒂𝒔𝒉𝒂𝒓𝒂𝒂 𝑩𝒊𝒍 𝑱𝒆𝒏𝒏𝒂𝒂 𝑵𝒖 𝑯𝒂𝒂 𝑻𝒂𝒂𝒔𝒊𝒔𝒖𝒖

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1464


Forward from: 𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته

𝑯𝒐𝒓𝒅𝒐𝒇𝒕𝒐𝒐𝒕𝒂 𝑪𝒉𝒂𝒏𝒏𝒆𝒍 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂 𝑴𝒂𝒓𝒕𝒊 𝑯𝒂𝒂𝒍𝒂 𝑰𝒕𝒕𝒊 𝑭𝒂𝒚𝒚𝒂𝒅𝒂𝒎𝒂𝒂 𝑰𝒔𝒊𝒏𝒊𝒊𝒇 𝑺𝒂𝒍𝒑𝒉𝒊𝒇𝒏𝒆𝒆 𝑱𝒊𝒓𝒓𝒂𝒂 𝑴𝒂𝒕𝒂 𝑫𝒖𝒓𝒆𝒆 𝑩𝒂𝒓𝒃𝒂𝒂𝒅𝒅𝒂𝒂𝒏 𝑨𝒔 𝑲𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒂 𝑭𝒊𝒍𝒂𝒄𝒉𝒖𝒖𝒏 𝑨𝒄𝒉𝒊 𝑩𝒐𝒐𝒅𝒂 𝑴𝒂𝒕𝒂 𝑫𝒖𝒓𝒆𝒆 𝑭𝒊𝒍𝒂𝒕𝒕𝒂𝒏 𝑮𝒂𝒅𝒊 𝑻𝒖𝒒𝒖𝒖𝒅𝒉𝒂𝒂𝒏 𝑯𝒂𝒂𝒍𝒂 𝑺𝒂𝒍𝒑𝒉𝒂𝒂𝒅𝒉𝒂𝒂𝒏 𝑫𝒖𝒃𝒃𝒊𝒔𝒕𝒂𝒏𝒊𝒊 𝑰𝒕𝒕𝒊 𝑭𝒂𝒚𝒚𝒂𝒅𝒂𝒎𝒖𝒖 𝑫𝒂𝒏𝒅𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒂

𝑰𝒍𝒂𝒂𝒍𝒖𝒖𝒇 𝑩𝒂𝒓𝒓𝒆𝒆𝒇𝒇𝒂𝒎𝒂 𝑴𝒂𝒕𝒂 𝑫𝒖𝒓𝒆𝒆 𝑺𝒂𝒏𝒂𝒂 𝒀𝒆𝒓𝒐𝒐 𝑻𝒐𝒌𝒌𝒐 𝑸𝒐𝒇𝒂 𝑮𝒂𝒅𝒊 𝑻𝒖𝒒𝒖𝒖𝒅𝒉𝒂𝒂𝒏 𝑫𝒖𝒃𝒃𝒊𝒔𝒕𝒖𝒖


𝐊𝐮𝐭𝐚𝐚 3𝐟𝐟𝐚𝐚

116' Mata-duree “ Yesus Kiristos gara samii
ul-fuudhamuu”. Kutaa 1ffaa

117, Mata-duree “ Yesus Kiristos gara samii
ul-fuudhamuu”. Kutaa 2ffaa

118, Musilimtoota moo Kiristaanotatuu Yesuusiin Jaallata?
119, Nabiyyii Injiil Keessatti dubbatame
120, Nuti yoo yesuusiin Arrabsine Muslimaa mitii
121, Yeroo baay’ee kiristaanonni osoo hiika karadha,  dhugaadha, jireenya  jedhu kana hin beekin cal jedhaniituma yesuus karaadha, dhugaadha, jireenya jedhu.
122, Gaaffii gaafatamne deebisuun dirqama keenyaa
123, Isaayaas Raajicha 9:6
124, Yesuus Gooftaadhaa?
125, Namoota Macaafa Qulqulluu keessatti gooftaa jedhamanii waamaman.
126, Yesuus ergamaa Rabbii isa kabajamaa fi jaallatamaa dha.
127, Yesuus Kiristoos Eenyuu?
128, MACAAFNI AKKANATTI WAA'E GABBARTII WAQAYYOON DHIISANI WAAN BIRAA GABBARANI IRRAA NUUF DUBBATA
129, Allaah Eessa Jiraa kutaa 1ffaa
130, Akkaataa Qur'aanni itti bu'e
131, Yesuus Kiristoos Eenyu?
132, Gooftaan rabbii tookicha sana malee Yesuusii mitii
133, Allaah Eessa Jira Kutaa 2ffaa
134, Mata duree. “Qur'aana Kabajamaa fi Macaafa Kiristaanotaa keessatti waa'een 𝗛𝗶𝗷𝗮𝗮𝗯𝗮𝗮 dubbatamuu quba qabduu...?” kutaa 1ffaa
135, Mata duree. “Qur'aana Kabajamaa fi Macaafa Kiristaanotaa keessatti waa'een 𝗛𝗶𝗷𝗮𝗮𝗯𝗮𝗮 dubbatamuu quba qabduu...?” Kutaa 2ffaa
136, Mata duree. “Qur'aana Kabajamaa fi Macaafa Kiristaanotaa keessatti waa'een 𝗛𝗶𝗷𝗮𝗮𝗯𝗮𝗮 dubbatamuu quba qabduu...?” Kutaa 3ffaa
137, Mata duree. “Qabxii 10n waa'ee Yesus Kiristos Islaamummaa keessaatti.” Kutaa 1ffaa
138, Mata duree. “Qabxii 10n waa'ee Yesus Kiristos Islaamummaa keessaatti.” Kutaa 2ffaa
139, Islaamummaan jaarraa 7ffaa keessatti Muhammad ani Ergamaadha/ raajiidha ofiin jechuudhaan, kan eegaleedha Yaada jedhuuf deebii... Kutaa 1ffaa
140, Islaamummaan jaarraa 7ffaa keessatti Muhammad ani Ergamaadha/ raajiidha ofiin jechuudhaan, kan eegaleedha Yaada jedhuuf deebii... Kutaa 2ffaa
141, Amantaa Qabaachuu Iyyasuus
142, Maqaa Iyyasuus Jedhu Uumamaadhaa? Kutaa 1ffaa
143, Maqaa Iyyasuus Jedhu Uumamaadhaa? Kutaa 2ffaa
144, Namni Rabbiin dhiisee waan biraa gabbaru, of salpisa.
145, (Qur, ana fi macaafa irra
Namni badii dalage lubbu isaa malee akka namni tokko sif hin gaafatamne ragaa woliin Kutaa 1ffaa

146, (Qur, ana fi macaafa irra
Namni badii dalage lubbu isaa malee akka namni tokko sif hin gaafatamne ragaa woliin Kutaa 2ffaa

147, Wongeelli Maaliif Fooyyeffama.
148, Allah jechuun uumaa humna qabeessa dandeettii isaa qofaan duniyaa kana irratti ajjeesee kaasuu danda'uudha akkasuma bara boodattis du'aa hundaa du'a irraa kaasuudha. Kutaa 1ffaa
149, Allah jechuun uumaa humna qabeessa dandeettii isaa qofaan duniyaa kana irratti ajjeesee kaasuu danda'uudha akkasuma bara boodattis du'aa hundaa du'a irraa kaasuudha. Kutaa 2ffaa
150, Ragaa tokkichummaa Rabbii ibsu keessaa:-

Yeroo Dubbistanii Kaatan Hiriyoota Keessaniif Qoodaa.

Kutaa 3ffaa


ITTI FUFAA....



Namoonni Yaadaafii Gaaffii Qabdan Asiin Na Dubbisaa. 👇👇👇👇👇👇👇

@Rafiqul_Islaam

Channel Kana J‌oin Gochuu Hin Dagatinaa!!

https://t.me/Rafiiqul_Islaam


Forward from: 𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩
ALLAAH EESSA JIRAA?


KUTAA 4FFAA


My Channel Join: @Rafiiqul_Islaam

Nabiyyiin (S.A.W) gaafa Makkatti da’awaa dhaamannaa (Hajjatal-wadaa'i) gorsa guddaa godhanii dhuma irratti quba isaanii gara samii ol fuudhanii! Yaa Rabbi ani geessuu koo ragaa bahi jedhan. Kun kan akeeku Rabbiin samii gubbaa jiraachuu akeeka.Osoo Rabbiin Samii (Arshi ) gubbaa hin jiraatinii" quba gara samii ol hin fuudha.

Akkasuma Hadiisa biraa keessattis, Ergamaan Rabbii (S.A.W) yeroo rooba kadhatu harka isaanii gara samii ol fuudhan.

Ammas osoo Rabbi Arshirra kan hin jirre tahee, silaa Nabiyyiin (S.A.W) samii hin deeman ture. Samii deemanii gaafa salaata Shantamaa Rabbi dirqama itti godhu, yeroo hedduu muusaan ummanni kankee salaata shantama hin dandeettuu deemii akka irraa xinneessu Rabbii kankee kadhu jedheen.
Nabiyyiinis ol deebi'anii kadhachaa turan. Osoo Gooftaan keenya Arshirraa kan hin jirre tahee Nabiyyiin ol hin deebi'an turan. Kun kan akeeku Rabbiin Arshirra jiraachuu isaati.
Hadiisni waa’ee kanaa dubbatu lakkaahamee dhumutti nin ulfaata. Jechi jecha caalu Qur’aana kabajamaa booda Hadiisa Nabiyyiiti. Kanaafuu! Waan isaan jedhan fudhannee ittii haa bullu.!

3FFAA: RABBI ARSHIIN IRRATTI OL TAHUU JECHOOT SAHAABAA.

Akkuma Qur’aana fi Hadiisa keessatti ibsametti ragaa gahaa waa’ee (ol ta’iinsa Rabbii) jechoota sahaabaa irraallee akka itti aanu kanatti tarreessina insha allaah.

عَنْ أَنَسِ بْنِ مَالِكٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ قَالَ: كَانَتْ زَيْنَبُ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهَا تَفْخَرُ عَلَى أَزْوَاجِ النَّبِيِّ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ وَتَقُولُ: "زَوَّجَكُنَّ أَهَالِيكُنَّ وَزَوَّجَنِي اللَّهُ مِنْ فَوْقِ سَبْعِ سَمَاوَاتٍ". رواه البخاري.

Anas Bin Maalik irraa odeeffamee (R.D.A) nijedhe: Zeynabaan (R.D.A.) kan Jaartolee Nabiyyii (S.A.W) irratti uf dhaaddu taate. Nijetti" Isin warra keessantu isin heerumsiise! Ana garuu (Allaahatu) Samii torban gubbaa naheerumsiise. Jettiin. Hadiisa kan gabaase (Imaamu Bukhaarii).

Jecha kana keessaa kan nuti ragaa taasifannu! Samii torban gubbaa jechuu ishee sani. Osoo Rabbiin keenya akka namoonni gariin jedhan bakka hunda jiraatee. Samii torban gubbaa hin jettu isheen.

قال ابن مسعود رضي الله عنه : العرش فوق الماء والله فوق العرش لا يخفى عليه شيء من أعمالكم . أخرجه البيهقي في الأسماء

Ibnu Mas’uud (R.D.A.) akkana jedhe! Arshi Bishaan gubbaa jira. Rabbiin immoo Arshiin gubbaa jira. Isa irratti hin dhokatu homaa hojii keessan irraa. (Al-Beyhaqiyyii) kitaaba  (Al-Asmaa'i jddhamu keessatti baase.

Cufti sahaabaa Nabiyyii (S.A.W) Rabbiin arshi irraa jiraachuu ragaa bahan. Warroonni kitaaba hiikan kan akka Abdillaah Ibnu Abbaasii fi Ibnu Umar akkasuma Abuu Bakri-Assiddiiq fi Ibnu Mas’uud Rabbiin akka Arshirra jiru nidubbatus ragaas bahu.
Masruuq namni jedhamu, kan Aa’ishaa jaartii Nabiyyii (S.A.W) irraa Hadiisa odeessu.

Yeroo Hadiisa ishee irraa dhagahe himu hundaa.
Tan naaf odeessite Dhuga dubbattuu intala dhugaa dubbataa, tan jaalallee jaalallee Rabbii Rabbii taate. Tan samii torba gubbaa qulqullooftetu naaf odeessse jedha.
Sahaabaan hundinuu akka Rabbiin Arshi gubbatti ol ta’iinsa isaan malu ol ta'e shakkii tokko malee dubbatan.

Yeroo sahaabaan jiranitti warroonni amma Rabbi bakka hunda jira, Bakkaan alatti jira jedhu kun hin jiran ture. Cufti sahaabaa Nabiyyii walii galaan, Rabbiin keenya (S.W) Arshiin irratti (ol ta’iinsa isaan malu) ol ta’ee jira jechuu irratti wal dhabbiin takkas hin turre.

4FFAA. RABBI  ARSHIIN IRRATTI OL TAHUU JECHOOTA ULAMAA’II.

Ulamaa’iin islaamaa hundi Rabbi ol ta’iinsa isaan male ol tahe jecha jedhu irratti waliif galan. (Mazhabni) Afranis jechuma kana irra jiran. Ulamaa’ii duraaniitiif kan ammaas Rabbiin keenya Arshiin irratti ol ta’iinsa isaan male ol tahe jechuu kan faallessan hin jiru. Jechoota jara hundaas tahuu baatu, kan garii isaanii akka armaan gadii kanatti tarreessina.

Kutàa 1ffaa 👇👇👇👇


https://t.me/Rafiiqul_Islaam/865

Kutaa 2ffaa 👇👇👇👇


https://t.me/Rafiiqul_Islaam/873

Kutaa 3ffaa 👇👇👇👇


https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1425

Kutaa 4ffaa 👇👇👇👇


https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1430


Forward from: 𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته

𝑯𝒐𝒓𝒅𝒐𝒇𝒕𝒐𝒐𝒕𝒂 𝑪𝒉𝒂𝒏𝒏𝒆𝒍 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂 𝑴𝒂𝒓𝒕𝒊 𝑯𝒂𝒂𝒍𝒂 𝑰𝒕𝒕𝒊 𝑭𝒂𝒚𝒚𝒂𝒅𝒂𝒎𝒂𝒂 𝑰𝒔𝒊𝒏𝒊𝒊𝒇 𝑺𝒂𝒍𝒑𝒉𝒊𝒇𝒏𝒆𝒆 𝑱𝒊𝒓𝒓𝒂𝒂 𝑴𝒂𝒕𝒂 𝑫𝒖𝒓𝒆𝒆 𝑩𝒂𝒓𝒃𝒂𝒂𝒅𝒅𝒂𝒂𝒏 𝑨𝒔 𝑲𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒂 𝑭𝒊𝒍𝒂𝒄𝒉𝒖𝒖𝒏 𝑨𝒄𝒉𝒊 𝑩𝒐𝒐𝒅𝒂 𝑴𝒂𝒕𝒂 𝑫𝒖𝒓𝒆𝒆 𝑭𝒊𝒍𝒂𝒕𝒕𝒂𝒏 𝑮𝒂𝒅𝒊 𝑻𝒖𝒒𝒖𝒖𝒅𝒉𝒂𝒂𝒏 𝑯𝒂𝒂𝒍𝒂 𝑺𝒂𝒍𝒑𝒉𝒂𝒂𝒅𝒉𝒂𝒂𝒏 𝑫𝒖𝒃𝒃𝒊𝒔𝒕𝒂𝒏𝒊𝒊 𝑰𝒕𝒕𝒊 𝑭𝒂𝒚𝒚𝒂𝒅𝒂𝒎𝒖𝒖 𝑫𝒂𝒏𝒅𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒂

𝑰𝒍𝒂𝒂𝒍𝒖𝒖𝒇 𝑩𝒂𝒓𝒓𝒆𝒆𝒇𝒇𝒂𝒎𝒂 𝑴𝒂𝒕𝒂 𝑫𝒖𝒓𝒆𝒆 𝑺𝒂𝒏𝒂𝒂 𝒀𝒆𝒓𝒐𝒐 𝑻𝒐𝒌𝒌𝒐 𝑸𝒐𝒇𝒂 𝑮𝒂𝒅𝒊 𝑻𝒖𝒒𝒖𝒖𝒅𝒉𝒂𝒂𝒏 𝑫𝒖𝒃𝒃𝒊𝒔𝒕𝒖𝒖


𝐊𝐮𝐭𝐚𝐚 2𝐟𝐟𝐚𝐚


59, Akka Macaafa Qulqulluutitti, Iyyasuus kan Gahannami!!!
60, Mu'ujizaa Nabiyyii S A W
61, Barsiisni Iyyasuus Kiristoos Maal Ture?

62, Jennata Maaliin Argatan
63, Namni Waaqa Hin Tahuu Waaqnis Nama Hin tahuu
64, Nageenya Amantii Kamtu Labsaa Kutaa 3ffaa
65, Yesuus AS Nama Miskiina Akkanaatiin Waaqa Jechuun Nàma Saalfachiisa
66, Du'aa Lafaa Kaasuun Ulaagaa waaqummaa ni tahaa?
67, Ìslaama jechuun maal jechuudhaa
68, Islaamummaafii Kiristaanummaa
69, Dirqiin Kiristaanessuu bara Daawit Seef Ar'ad (1380_1409)
70, Dirqiin Kiristaanessuu bara Astee Libna Dingil
71, Wol dhabbii macaafa kiristaanotaa keessa jiru
72, Waa'een Nabi Muhammad Macaafa keessatti Dubbatamuu
73, Lola Shunburaa Kuree
74, Kufaatii Macaafa Qulqulluu dirree Saayinsii Ammaa Irratti
75, Yesuus Waaqaan alatti ofii isaatiin waan tokko gochuu fi murteessuu hin danda'u
76, 𝐃𝐡𝐮𝐠𝐮𝐦𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐌𝐚𝐜𝐚𝐚𝐟𝐧𝐢 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮𝐧 𝐉𝐞𝐜𝐡𝐚 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢?
77, Dirqiin Kiristaaneessuu marsaa 2ffaa(1855-1973)
78, Waaqni Isin Kiristaanonni Waaqessitan tokko moo sadii?
79, Karaan Sirriin Kamii?
80, Dirqiin Kiristaanessuu bara Atsee Yohaannis 4ffaa (1873-1889)
81, Phaawuloos Eenyu Akka Tahe Beektuu
82, Wongeelli Mootummaa Eessatti Bade?
83, Nama Guutuu Waaqa Guutuu
84, Rabbiif Salaatuu Iyyasuus Macaafa Qulqulluu Keessatti
85, Ilmi Hin dhalata kan jedhame maali? Eenyuudha?
86, Dirqiin Kiristaanessuu Bara Atsee Minilik 2ffaa (1865-1813) ykn Hitlar Ethiophoa
88, Akka Amantii Islaamaatti Amantii Biraa Kabajuun Akkamitti Ilaalama kutaa 1ffaa
89, Amantii Biraa Kabajuun Akkamitti Ilaalama kutaa 2ffaa
90, Yesuusiifii Kiristaanummaa
91, Isin Muslimoonni Maaliif kaabaatti sagaddu
92, Gooftaa tahuu yesuus
93, Waaqni Daani'eel osoo hin kadhatin Leencotaan nyaatamuu irraa oolche(Daani'el 6:15-25 ilaali).
94, Dirqiin Kiristaanessuu naannoo Guumaa
95, Waaqa Isa hin yaanne
96, Macaafni Qulqulluun Dhugaa Jecha Rabbiitii kutaa 1ffaa
97, , Macaafni Qukqulluun Dhugaa Jecha Rabbiitii kutaa 2ffaa
98, Kanaafan Itti Amane
99, Qabxii kiristaanonni yesuus waaqayyo taasisa jedhanii yeroo baay'ee dhiheeffatan keessaa
100, Da'awaa Hundumaaf
101, Waaqeffannaa Shubbisuu
102, Seena Nabi Iisaafii Haadha Isaa
103, Fannifamuun Maalii? Kutaa 1ffaa
104, Fannifamuun Maalii? Kutaa 2ffaa
105, Fannifamuun Maalii? Kutaa 3ffaa
106, Baga Ayyaana Masqala Gubuutiin Isin gahe
107, Yeroo baay’ee kiristaanonni Hadiisa Sahih al-Bukhari 7487 qabachuudhan Isilaamummaa keessatti akka waan sagagalummaa fi Hanni heyyamamutti ilaalu kun yaada dogongoraati
108, Fayyisaan koo Allah ykn Waaqayyoo yesuusiin ergateedha
109, Sheeyxaanni Kiristiyaanumma keessatti qaama iddoo guddaa qabuudha
110, Wal-dhabbii Kiristaanotaa fi Macaafa Qulqulluu Kutaa 2ffaa
111, 𝐈𝐦𝐚𝐥𝐥𝐢 𝐄𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚 𝐉𝐚𝐥𝐪𝐚𝐛𝐚𝐚?
112, Qabxii Kudhan Jajjabduu
113, Mata-duree.
“Gaafilee 15n kan Kiristaanonni deebii isaa argachuu hin dandeenye.”

114, Macaafni qulqulluun jecha rabbiitii?
15, Kiristaanummaan Bara kam Eegalamee?


Yeroo Dubbistanii Kaatan Hiriyoota Keessaniif Qoodaa.

Kutaa 2ffaa


ITTI FUFAA....



Namoonni Yaadaafii Gaaffii Qabdan Asiin Na Dubbisaa. 👇👇👇👇👇👇👇

@Rafiqul_Islaam

Channel Kana J̌oin Gochuu Hin Dagatinaa!!

https://t.me/Rafiiqul_Islaam


Forward from: 𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩
ALLAAH EESSA JIRAA?


KUTAA 3FFAA


My Channel Join: @Rafiiqul_Islaam

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: ((لَمَّا قَضَى اللَّهُ الْخَلْقَ كَتَبَ فِي كِتَابِهِ، فَهْوَ عِنْدَهُ فَوْقَ الْعَرْشِ إِنَّ رَحْمَتِي غَلَبَتْ غَضَبِي)). رواه البخاري.)

Abii Hureyraa irraa odeeffamee (R.D.A) nijedhe: Ergamaan Rabbii (S.A.W) jedhan.  (Rabbiin uumaa yeroo geessetti kitaaba isaa keessatti barreesse. Kitaabni isa bira Arshiin gubbaa jira. Tolli (Rahmanni) tiyya dallansuu tiyya hinjifatte jechuu.) Hadiisa kan gabaase (Imaamu Bukhaarii).

Hadiisa kana irratti akkuma ifu Ergamaan Rabbii (S.A.W) kitaabni Rabbiin bira Arshiin gubbaa jiraatuu nuuf ibsan. Rabbiin Arshi gubbaa akka jiru kana irraa hubanna.

عَنْ عَبْدِ اللَّهِ بْنِ عَمْرِو بْنِ الْعَاصِ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَآلِهِ وَسَلَّمَ قَالَ: «الرَّاحِمُونَ يَرْحَمُهُمُ الرَّحْمَنُ، ارْحَمُوا مَنْ فِي الْأَرْضِ يَرْحَمْكُمْ مَنْ فِي السَّمَاءِ» رواه الترمذي

Abdillaah Bin Amri Bin Al-Aas irraa odeeffamee (R.D.A) Ergamaan Rabbii (S.A.W) jedhan: Tola ooltotaaf (Rahmaan) tola oola. Nama dachii keessaatiif tola oolaa (Rahmata godhaa) Namni Samii keessa jiru (Rahmata) tola isiniif oolaa, jedhan.  Hadiisa kan gabaase ( At-Tirmuzii).

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ أَنَّ النَّبِيَّ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَآلِهِ وَسَلَّمَ قَالَ: «وَالَّذِي نَفْسِي بِيَدِهِ مَا مِنْ رَجُلٍ يَدْعُو امْرَأَتَهُ إِلَى فِرَاشِهِ فَتَأْبَى عَلَيْهِ إِلَّا كَانَ الَّذِي فِي السَّمَاءِ سَاخِطًا عَلَيْهَا حَتَّى يَرْضَى عنها: رواه مسلم.)

Abii Hureyraa irraa odeeffamee (R.D.A) nijedhe: Nabiyyiin (S.A.W) jedhan.  Isaa lubbuun tiyya harka isaa jirtuun kakadhe! Gurbaa tokko irraa waa hin taane kan intala isaa gara Firaasha (siree) isaatitti yaamee isheen isa diddu, hamma inni ishee irraa jaalatutti Isaan (Rabbiin) samii keessa jiru ishetti dallanuu irraa. Jedhan. Hadiisa kan gabaase (Imaamu Muslim).

Hadiisa kana irraa wanni nuuf galu keessaa! 1ffaa Jaartiin yeroo jaarsi fedhiidhaaf ishee yaame dhaquu akka qabduudha. Yoo rakkoo beekamaa qabaatte malee. fakkeenyaaf” Soomni dirqamaa irra jiraatuu fi laguu ji'aa qabaachuu akkasuma wantoota kana fakkaatan.

Yoo kun irra jiraate, dilii hin qabdu. 2ffaan wanni irraa nuuf galu, Rabbiin akka Samii keessa jirutu nuuf ifa. Samii keessa jira jechuun immoo Arshiin ala jira jechuudhaa miti. Jecha Afaan Arabaa keessatti Samii jechuun cufa waan nama gubbaa jiruuti.

عَنْ مُعَاوِيَةَ بْنِ الْحَكَمِ السُّلَمِيِّ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ "قَالَ: لَطَمْتُ جَارِيَةً لِي فَأَخْبَرتُ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ فَعَظَّمَ ذَلِكَ عَلَيَّ، قَلَتْ يَا رَسُولَ اللَّهِ أَفَلَا أَعْتِقُهَا؟ قَالَ: «بَلَى ائْتِنِي بِهَا»، قَالَ: فَجِئْتُ بِهَا رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ فَقَالَ لَهَا: «أَيْنَ اللَّهُ»؟ قَالَتْ: فِي السَّمَاءِ قَالَ: «فَمَنْ أَنَا»؟ قَالَتْ: أَنْتَ رَسُولُ اللَّهِ، قَالَ: «اعْتِقْهَا فَإِنَّهَا مُؤْمِنَةٌ». رواه مسلم.

Mu'aawiyaa Bin Al-Hakam As-Sulamiyyii irraa odeeffamee (R.D.A) nijedhe: Gabrittii tiyya takka  kabalee! Ergamaa Rabbiititti (S.A.W) odeesse. Isa sana (kabaluu) narratti guddise. Yaa Ergamaa Rabbii ishee haa bilisoomsuu jedheen? Eeyyee ishee natti fidi jedhe. Ishee ergamaa Rabbiitittiin dhufe. Ishee dhaan jedhe. (Allaah) eessa jira? Samii keessa jira jetteen, Ani hoo eenyu jedheen? Ati ergamaa Rabbiiti jetteen" ishee bilisoomsi isheen Mu'umina jedheen. Hadiisa kan gabaase (Imaamu Muslim).

Hadiisa kana irraas wanni nuuf galu Ergamaan Rabbii (S.A.W) micayyoo tana Rabbi eessa jira jennaan? Samii gubbaa jira jetteen. Osoo isheen kan dogongortu tahee! Silaa yeroma san lakki micayyoo dogongortee jirta jedhaniin. Garuu isheen Rabbiin Samii gubbaa jira jennaan" akka ishee Mu’umina taate ragaa bahaniif.( Hadiisa heddutu akka Rabbiin Arshi gubbaa jiru nuuf dubbata.

Kutàa 1ffaa 👇👇👇👇


https://t.me/Rafiiqul_Islaam/865

Kutaa 2ffaa 👇👇👇👇


https://t.me/Rafiiqul_Islaam/873

Kutaa 3ffaa 👇👇👇👇


https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1425


Dhugaan Dhufe:
Yesuus fi Kiristaanummaa

https://t.me/Rafiiqul_Islaam

✖️ Kiristaanummaa:
Waaqayyo tokko fi sadii dha.
✔ Yesuus:
Waaqayyo 1 qofa. (Maarqos 12:29)

✖️ Kiristaanummaa:
Yesuus Waaqayyodha.
✔ Yesuus:
Ani Waaqayyo miti. (Yohaannis 12:44)

✖️ Kiristaanummaa:
Yesuus Waaqa hin qabu.
✔ Yesuus:
Waaqayyoon qaba. (Yohaannis 20:17)

✖️ Kiristaanummaa:
Yesus uumaa malee uumama miti.
✔ Yesuus:
Ani uumamadha. (Yohaannis 5:26)

✖️ Kiristaanummaa:
Yesuus raajii miti.
✔ Yesuus:
Ani raajiidha. (Maarqos 6:4) $ (Maatewos 13:57)

✖️ Kiristaanummaa:
Yesus kan ergame malee kan ergame miti
✔ Yesuus:
Ani ergamaa ergamaadha. (Yohaannis 12:49) $ (Yohaannis 7:16)

✖️ Kiristaanummaa
Yesuus samii seenuu danda’a
✔ Yesuus:
Samii seenuu hin danda'u. (Maatewos 20:23)

✖️ Kiristaanummaa:
Yesuus guyyaa du'aa ka'uu Waaqayyodha
✔ Yesuus:
Yeroo sanallee abbaa caalaa xiqqaadha. (Yohaannis 8:28)

✖️ Kiristaanummaa:
Yesuus qoricha biyya lafaati.
✔ Yesuus:
Ani gara Israa'eloota qofatti ergama. (Maatewos 15:24)

✖️ Kiristaanummaa:
Yesus wanta hundumaa gochuu ni dandaʼa.
👇👇👇👇👇👇

✔ Yesuus:
Kophaa koo homaa gochuu hin danda'u. (Yohaannis 5:30)

✖️ Kiristaanummaa:
Yesus waaʼee guyyaa duʼaa kaʼuu ni beeka ture.
✔ Yesuus:
Guyyaa qiyaamaa hin beeku. (Maarqos 13:32)

✖️ Kiristaanummaa:
Yesuus Yihudootaan fannifame.
✔ Yesuus:
Ani takkaa bilbila cufamee hin beeku. Yohaannis 8:21-22)

✖️ Kiristaanummaa:
Yesus humna ofii isaatiin dinqii hojjeta.
✔ Yesuus:
Fedhii Waaqa kootiin dinqii nan hojjedha. (Luqaas 17:20) Maatewos 12:28)

✖️ Kiristaanummaa:
Yesusitti amanuu qofatu samii dhaala.
✔ Yesuus:
Waaqa, kan koo fi kan kee, Jannata seenuuf akka jiru ragaa ba’i. (Yohaannis 17:3)

✖️ Kiristaanummaa:
Seerri Tawraatii Yesusiin haqame.
✔ Yesuus:
Seera haquuf hin dhufne. (Maatewos 5:17)

✖️ Kiristaanummaa:
Yesuus nabi Muhammad hin beeku ture.
✔ Yesuus:
Raajiin ana booda dhufu jira waan hunda sitti hima. (Yohaannis 16:12-14)

✖️ Kiristaanummaa:
Waa'ee Kaaba Iisaa homaa hin dubbanne.
✔ Yesuus:
Ana booda kallattii sujuudaa ni jijjiirama. (Yohaannis 4:19-21)

✖️ Kiristaanummaa:
Yesusiin waaqeffachuu qabna.
✔ Yesuus:
Ana osoo hin taane waaqa keenya tokko waaqeffadhaa. (Maatewos 4:10)

✖️ Kiristaanummaa:
Waaqni keenya Yesus ofumaa dhufe.
✔ Yesuus:
Fedha Waaqa kootiin dhufe. (Yohaannis 7:28)

✖️ Kiristaanummaa:
Waaqayyoo fi Yesuus tokko.
✔ Yesuus:
Abbaan na caala. (Yohaannis 14:28) Yohaannis 13:16)

✖️ Kiristaanummaa:
Waaqa keenya lafarratti argineerra.
✔ Yesuus:
Abbaa keenya Waaqayyo namni argee hin jiru. (Yohaannis 5:37) $ (Yohaannis 6:46)

Barreessaan: 𝐗𝐚𝐚𝐡𝐢𝐫 𝐆𝐚𝐥𝐚𝐭𝐨𝐨

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1409


Forward from: 𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته

𝑯𝒐𝒓𝒅𝒐𝒇𝒕𝒐𝒐𝒕𝒂 𝑪𝒉𝒂𝒏𝒏𝒆𝒍 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂 𝑴𝒂𝒓𝒕𝒊 𝑯𝒂𝒂𝒍𝒂 𝑰𝒕𝒕𝒊 𝑭𝒂𝒚𝒚𝒂𝒅𝒂𝒎𝒂𝒂 𝑰𝒔𝒊𝒏𝒊𝒊𝒇 𝑺𝒂𝒍𝒑𝒉𝒊𝒇𝒏𝒆𝒆 𝑱𝒊𝒓𝒓𝒂𝒂 𝑴𝒂𝒕𝒂 𝑫𝒖𝒓𝒆𝒆 𝑩𝒂𝒓𝒃𝒂𝒂𝒅𝒅𝒂𝒂𝒏 𝑨𝒔 𝑲𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒂 𝑭𝒊𝒍𝒂𝒄𝒉𝒖𝒖𝒏 𝑨𝒄𝒉𝒊 𝑩𝒐𝒐𝒅𝒂 𝑴𝒂𝒕𝒂 𝑫𝒖𝒓𝒆𝒆 𝑭𝒊𝒍𝒂𝒕𝒕𝒂𝒏 𝑮𝒂𝒅𝒊 𝑻𝒖𝒒𝒖𝒖𝒅𝒉𝒂𝒂𝒏 𝑯𝒂𝒂𝒍𝒂 𝑺𝒂𝒍𝒑𝒉𝒂𝒂𝒅𝒉𝒂𝒂𝒏 𝑫𝒖𝒃𝒃𝒊𝒔𝒕𝒂𝒏𝒊𝒊 𝑰𝒕𝒕𝒊 𝑭𝒂𝒚𝒚𝒂𝒅𝒂𝒎𝒖𝒖 𝑫𝒂𝒏𝒅𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒂

𝑰𝒍𝒂𝒂𝒍𝒖𝒖𝒇 𝑩𝒂𝒓𝒓𝒆𝒆𝒇𝒇𝒂𝒎𝒂 𝑴𝒂𝒕𝒂 𝑫𝒖𝒓𝒆𝒆 𝑺𝒂𝒏𝒂𝒂 𝒀𝒆𝒓𝒐𝒐 𝑻𝒐𝒌𝒌𝒐 𝑸𝒐𝒇𝒂 𝑮𝒂𝒅𝒊 𝑻𝒖𝒒𝒖𝒖𝒅𝒉𝒂𝒂𝒏 𝑫𝒖𝒃𝒃𝒊𝒔𝒕𝒖𝒖

KUTAA 1FFAA


1, Islaamummaan Kan Injifatamuu Hin Dandeenyeedhaa
2, Amantaan Islaamaa Amantaa Nabi Muhammadiin Eegalamee Miti
3, Iisaan (Jesuus) Gara Samii Ol Fuudhamuu Kutaa 1ffaa
4, Iisaan (Jesuus) Gara Samii Ol Fuudhamuu Kutaa 2ffaa
5, Akkuma Kiristaanonni Jedhan Yesuus Ajjeefamee Jiraa Kutaa 1ffaa
6, Akkuma Kiristaanonni Jedhan Yesuus Ajjeefamee Jiraa Kutaa 2ffaa
7, Gaaffifii Deebii Qur'aana Irraa
8, Allaahaan Eenyu Yoo Siin Jedhan Kutaa 1ffaa
9, Allaahaan Eenyu Yoo Siin Jedhan Kutaa 2ffaa
10, Allaah ergamaa isaa ﷺ faaruu baay'ee guddaa ta'e faarsuun isas qulqulleessee jira
11, Mirga Dubartii Macaafa Qulqulluu Keessatti kutaa 1ffaa
12, Mirga Dubartii Macaafa Qulqulluu Keessatti Kutaa 2ffaa
13, Mirga Dubartii Macaafa Qulqulluu Keessatti Kutaa 3ffaa
14, Yesuusiifii Kiristaanummaa
15, Mata Duree Gurguddoo15 Kan Yesuus Ittiin Waaqa Tahuu Hin Dandeenye
16, Dhuguma Iyyasuus Waaqaa
17, Akkamitti Rabbiin Ta'uu Danda'aa
18, Yesuus Eessaan Waaqa Ta'aa?
19, Barsiisa Iyyasuus Kiristoos Kutaa 1ffaa
20, Barsiisa Iyyasuus Kiristoos Kutaa 2ffaa
21, Iyyasuus Rafeera Garuu Waaqayyo Rafeeraa?
22, Dhuguma Iyyasuus Waaqaa Kutaa 2ffaa
23, Islaama Kiristaanatu Ajjeechaa Ajajaa Qur'aanaa fii Macaafa Irraa
24, Garaagarummaa Waaqayyoo fii Yesuus Kutaa 1ffaa
25, Garaagarummaa Waaqayyoo fii Yesuus Kutaa 2ffaa
26, Garaagarummaa Waaqayyoofii Yesuus Kutaa 3ffa
27, Lubbuu Ajjeesuu fii Balleessuu Eenyutu Ajajaa Quran Vs Bible Kutaa 1ffaa
27, Kitaaba Kaafira Ajjeesuu
28, Toohidaa fii Sillaasee
2
0, Kiristaana Kan Jedhu Maal Irraa Dhufee?
29, Islaamummaan Dhugaadha
30, Waa'ee Tokkichummaa Rabbii Islaamummaa fii Kiristaanummaa Keessatti kutaa 1ffaa
31, Waa'ee Tokkichummaa Rabbii Islaamummaafii Kiristaanummaa Keessatti Kutaa 2ffaa
32, Amantii Kiristaanummaa
33, Yesuus Muslimoota ni Jaallata Garuu Kiristaanota Ni Jibbaa
34, Islaamummaan Loogii Hin Qabu
35, Yesuus Waaqayyoo Qaba
36, Rabbiif Salaatuu Iyyasuus Kiristoos
37, Islaamummaan Amantii haaraa fi kan ergaa bu’uuraa ergamtoota(Raajota)  duraanii balleessuuf dhufe miti
38, Kaabaà fii Muslimoota
39, 𝐐𝐮𝐫'𝐚𝐚𝐧𝐧𝐢 𝐖𝐚𝐚'𝐞𝐞 𝐈𝐲𝐲𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 𝐄𝐫𝐠𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐈𝐬𝐫𝐚𝐚'𝐢𝐥 𝐌𝐚𝐚𝐥 𝐉𝐞𝐝𝐡𝐞𝐞?
40, Pheenxee Or Protestant
41, Gaaffii fii Deebii Quraàna Kabajamaafii Macaafa Irraa
42, Utubaalee Islaamaa shanan Macaafa qulqulluu keessatti ...”
43, Islaamummaan Yoom Eegalame
44, Gaaffii Qorannoo Sammuu ofii
45, Yesuus Gooftummaa Eessaa Argàte
46, Anbiyoonni (Raajonni) hundi Muslimoota ta'uu, Rabbii tokkicha gabbaruu fi amantiin Isaanii fi kan hordoftoota isaani Islaamummaa ta'uu akka armaan gadii kanatti ragaan mirkaneessina
47, Nageenya Amantii Kamtu Labsaa
48, Amantiin Kiristaanaa Yoomii fi akkamitti Biyya Itiyoophaa gale? Kutaa 1ffaa
49, Amantiin Kiristaanaa Yoomii fi akkamitti Biyya Itiyoophaa gale? Kutaa 1ffaa
50, Iisaa {Jesus} Ilmi Mariyam Gara Lafaatti bu'iitii Isaa
51, Hawaariyoonni Barattoota Yesuus Turan Muslimoota Turan
52, Gaafiin keenya kan har'aa Seera Lakkoofsaa keessa
53, Kiristaanonni Akkas Jedhuu Yesuus Ani Gooftaadha Na Waaqeessaa Jechuu Baatus Na hin waaqessinaa Hin Jennee
55, Namni Hundi yeroo dhalatu Muslima(Nama fedhinnaa is Rabbiif kennuudha)
56, Seenaa Nabiyyii S A W
57, Dirqiin Kiristaanessuu Marsaa1ffaa(1189_1529)
58, Iisaan (aleyh salaam) Erga bu'ee maal akka dalagu.

Qabxiilee Ijoo Ta'an Kenneen Dubbisnee Share Haa Goonuu!!


Inshaa Allaah Haga Rabbi Nuuf Laaffiseen Itti Fufnaa.

ITTI FUFAA



https://t.me/Rafiiqul_Islaam


Mata Duree Maçaafa Eenyutu Barreesse Jedhu Irratti Immoo

Maarqosiin Eenyutu Barreessee?
Maatiwoosiin Eenyutu Barreessee?
Luqaasiin Eenyutu Barreessee?
Yohaannisiin Eenyutu Barreessee?

Ragaawwan Isaa Sagalee Kana Haa Dhaggeeffannuu!!

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1257


Quŕ'aanni Akkamitti Wolitti Qabamee?


Ustaaz Khaalid Abdoo
Ustaaz Farhaan
Ustaaz Abdii Muusaa

Alhamdulillaah Obboleettiìn Ķeenya Tokko Sagantaa Kana Irratti Garà Amantaa Dhaloota Isii Irratti Deebitee Jirtii Alhamdulillaah.

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1256


Forward from: 𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩
Video is unavailable for watching
Show in Telegram
Quŕ'aanni Akkamitti Wolitti Qabamee?


Ustaaz Khaalid Abdoo
Ustaaz Farhaan
Ustaaz Abdii Muusaa

Alhamdulillaah Obboleettiìn Ķeenya Tokko Sagantaa Kana Irratti Garà Amantaa Dhaloota Isii Irratti Deebitee Jirtii Alhamdulillaah.

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1255


Forward from: 𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩
WAAQAYYO NI UUMAA? YEAUUS UUMAADHAA?


DEEBII 👇👇👇👇


𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨 𝐇𝐢𝐧 𝐓𝐨𝐥𝐟𝐚𝐦𝐧𝐞 𝐇𝐢𝐧 𝐔𝐮𝐦𝐚𝐦𝐧𝐞.


Isa. 43
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
10, Waaqayyo, "Yaa saba nana, isin dhuga-baatuu koo ti, garbichi ani fo'adhes isinuma, isin akka beektaniif akka amantanitti, isa kana kan godhe ana Waaqayyo akka ta'e akka hubattanitti, ana dura Waaqayyo kan biraa hin turre, ana booddees Waaqayyo kan biraa hin jiraatu.

11, Ana duwwaatu Waaqayyoo dha, ana malee fayyisaan kan biraa hin jiru.

𝐅𝐚𝐚𝐥𝐥𝐚𝐚 𝐊𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐘𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 𝐔𝐮𝐦𝐚𝐦𝐚𝐚𝐟𝐢𝐢 𝐓𝐨𝐥𝐟𝐚𝐦𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚



“Ammas ani garbicha isaa akkan ta'uuf, Yaaqoobin gara isaa akkan fiduuf, Israa'elinis isa biratti akkan walitti qabuuf, Waaqayyo garaa haadha koo keessatti na tolchee fuula isaa duratti ulfina anaaf kennee jabinas anaaf ta'eera.”
  — Isa. 49:5

“Waaqayyo jalqaba hojii isaatiitti, hojii isaa isa bara durii sana hundumaa dura na uume;”
  — Fak. 8:22

Mat. 1
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
21, Isheen ilma in deessi; atis maqaa isaa 'Yesus' jettee in moggaafta, inni ofii isaatii saba isaa cubbuu isaaniittii isaan in fayyisa" jedheen.

22, Kun hundinuu inni Waaqayyo gooftaan afaan raajichaatiin dubbate akka raawwatamuuf ta'e.

Luq. 1
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
26,  Elsaabex ulfooftee ji'a ja'affaatti, ergamichi Gabri'el Waaqayyo biraa kutaa biyya Galiilaa mandara Naazireet jedhamutti ergame.

27, Ergaan isaas gara durba Maariyaam jedhamtu tokkootti ture; isheen nama Yoseef jedhamu, sanyii Daawit keessaa dhalate tokkoof, kaadhimatamtee turte.

1, 𝑼𝒍𝒇𝒊 𝑮𝒂𝒓𝒂𝒂 𝑴𝒂𝒓𝒚𝒂𝒎 𝑱𝒊'𝒂 9 𝑻𝒖𝒓𝒆 𝑺𝒖𝒏 𝑼𝒖𝒎𝒂𝒂𝒎𝒐𝒐 𝑼𝒖𝒎𝒂𝒎𝒎𝒂𝒂𝒅𝒉𝒂𝒂?
2, 𝑼𝒖𝒎𝒂𝒂 𝒀𝒐𝒐 𝑻𝒂𝒉𝒆 𝑬𝒆𝒏𝒚𝒖𝒕𝒖 𝑼𝒖𝒎𝒆𝒆 𝑾𝒂𝒂𝒒𝒂𝒚𝒚𝒐 𝑵𝒊 𝑼𝒖𝒎𝒂𝒎𝒂𝒂?
3, 𝑾𝒂𝒂𝒒𝒂𝒚𝒚𝒐 𝑵𝒊 𝑫𝒉𝒂𝒍𝒂𝒕𝒂𝒂?

Kanaaf hawaasa kiyya qaalii akkanatti bifa salphaa ta’een waaqayyo yesuusin akka hin taane fi yesuusis waaqayyoon akka hin taane adda baafanna jechuudha.
 
Yoomille yesuus waqayyoon ta’uu hin dandayan maf jennan macaafni kamuu yesuus waaqayyoon akka hin taane ragaa baha waan ta’eef.
 
𝐘𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 𝐁𝐚𝐫𝐚 𝐁𝐚𝐫𝐚𝐚𝐧 𝐍𝐚𝐦𝐮𝐦𝐚 𝐐𝐨𝐟𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚.



“Ilma namaa isa waaqa irraa gad bu'e sana malee, homtinuu gara waaqaatti ol hin baane.”
— Yoh. 3:13

“Ani dhugicha isan Waaqayyo irraa dhaga'e isinitti himeera; isin garuu ana nama akkasii ajjeesuu barbaaddu; Abrahaam akka kana hin hojjenne.”
— Yoh. 8:40

“"Kunoo, ani bantiiwwan waaqaa banamanii, ilmi namaas gara mirga Waaqayyoo dhaabatee nan arge" jedhe.”
— HoE. 7:56

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1244


Forward from: 𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩
“Yeroo ummanni isaan irraa ta’e "Namoota Rabbiin isaan balleessuuf yookiin adabbii cimaa isaan adabuuf jiru maaliif gorsitu?" jedhan yaadadhu (Gorsitoonnis) "Gooftaa keessan biratti sababa nuuf haa ta'uufi akka isaanis Rabbiin sodaataniifi" jedhan.” (Qur'aana 7:164)

🛑 7. Sababa ajrii fi keeyrii guddaa Rabbiin irraa argachuu namaa ta'a.

قال الله تعالى: ﴿ لَا خَيْرَ فِي كَثِيرٍ مِنْ نَجْوَاهُمْ إِلَّا مَنْ أَمَرَ بِصَدَقَةٍ أَوْ مَعْرُوفٍ أَوْ إِصْلَاحٍ بَيْنَ النَّاسِ ﴾ [النساء:114].

“Nama sadaqaatti yookiin gaggaarii yookiin gidduu namaatti araarama uumuutti ajaje malee irra hedduu iccitii isaanii keessa toltuun hin jiru. Nama jaalala Rabbii barbaaduuf kana hojjate, fuulduratti mindaa guddaa isaaf kennina.” (Qur'aana 4:114)

🛑 8. Sababa addunyaa fi aakiraatti milkaa'uu namaa ta'a.

قال الله تعالى: ﴿ وَلْتَكُنْ مِنْكُمْ أُمَّةٌ يَدْعُونَ إِلَى الْخَيْرِ وَيَأْمُرُونَ بِالْمَعْرُوفِ وَيَنْهَوْنَ عَنِ الْمُنْكَرِ وَأُولَئِكَ هُمُ الْمُفْلِحُونَ ﴾ [آل عمران:104].

“Isin irraa ummanni gara khayrii waamtuufi kan gaariitti ajajju badii irraa dhorgitus haa jiraattu. Warri sun isaantu milkaa’oodha.” (Qur'aana 3:104)

🛑 9. Du'aatonni (Namoonni karaa RABBIItti nama yaaman) warroota yeroo namoonni baay'een kisaaran tirfaa'eedha.

والدعاة إلى الله هم الرابحون يوم يخسر الناس، وهم السعداء يوم يشقى الناس.

RABBIIN Qur'aana suuraa Al-Asr 103 keessatti warroota bifa ykn amaloota afur kan suuraa sana keessatti dubbate sana qaban malee hundi dhala namaa hoongoo fi kisaaraa guddaa keessa jiraachuu hime.
Bifoota ykn sifoota sana keessaa tokko nama haqa namaa dhaamee, karaa haqaatti nama yaamee dha.
قال الله تعالى: ﴿ وَالْعَصْرِ * إِنَّ الْإِنْسَانَ لَفِي خُسْرٍ * إِلَّا الَّذِينَ آَمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ وَتَوَاصَوْا بِالْحَقِّ وَتَوَاصَوْا بِالصَّبْرِ ﴾ [العصر:1 - 3].

🛑 10. Daaw'aan sababa cubbuun namaa namarraa harca'uu ykn balleessuu namaa ta'a.

روى البخاري ومسلم عَنْ حُذَيْفَةَ بْنِ اليَمَانِ رضي الله عنه، عَنِ النَّبِيِّ صلى الله عليه وسلم قَالَ: «فِتْنَةُ الرَّجُلِ[9] فِي أَهْلِهِ[10] وَمَالِهِ[11] وَوَلَدِهِ[12] وَجَارِهِ[13]، تُكَفِّرُهَا الصَّلاَةُ وَالصَّوْمُ وَالصَّدَقَةُ، وَالأَمْرُ وَالنَّهْيُ»[14].

🛑 11. Walumaa galatti daaw'aan (karaa Rabbiitti nama yaamuun) ajaja Rabbiif awwaachuu ta'a.

قال الله تعالى: ﴿ ادْعُ إِلَى سَبِيلِ رَبِّكَ بِالْحِكْمَةِ وَالْمَوْعِظَةِ الْحَسَنَةِ وَجَادِلْهُمْ بِالَّتِي هِيَ أَحْسَنُ إِنَّ رَبَّكَ هُوَ أَعْلَمُ بِمَنْ ضَلَّ عَنْ سَبِيلِهِ وَهُوَ أَعْلَمُ بِالْمُهْتَدِينَ ﴾ [النحل:125].

“Gara karaa Gooftaa keetii ogummaafi gorsa bareedaan waami. Ishee (falmii) irra gaarii taateen isaan falmi. Dhugumatti Gooftaan kee nama karaa Isaa irraa jallate ni beekaaInni qajeeltotas beekaadha.” (Qur'aana 16:125)

Barruu tana walii qoodaa keeyrii tana facaasaa.
Jzk ❤
Qopheessaan; Ifaa Dhugaa

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1226


Forward from: 𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩
SADARKAA GARA KARAA RABBIITTI NAMA YAAMUUN QABU



Gara karaa Rabbitti nama yaamuun (daaw'aan) hundee guddaa bu'uura amantaa Islaamaa irraa akka ta'e shakkiin hin jiru.
Isa kanaan wal-qabatee Qur'aanaa fi hadiisa hedduu keessatti sadarkaan isaa akka armaan gadii kanatti dhufee jira.

🛑 1. Daaw'aan (Karaa RABBIItti nama yaamuun) irra bareedduu jechaa, kan fuula lafaa kana keessatti dubbatamtuu dha.

قال الله تعالى: ﴿ وَمَنْ أَحْسَنُ قَوْلًا مِمَّنْ دَعَا إِلَى اللَّهِ وَعَمِلَ صَالِحًا وَقَالَ إِنَّنِي مِنَ الْمُسْلِمِينَ ﴾ [فُصِّلَت:33].

“Nama gara Rabbiitti nama waamee fi hojii gaggaarii hojjatee “ani Muslimoota irraayi” jedhe caalaa namni jecha bareedu eenyu?” (Qur'aana 41:33)

🛑 2. Sababni keeyriin ummata nabi Muhammad keessatti hafeef, waan isaan garaa RABBIItti nama yaamaniifi dha.

قال الله تعالى: ﴿ كُنْتُمْ خَيْرَ أُمَّةٍ أُخْرِجَتْ لِلنَّاسِ تَأْمُرُونَ بِالْمَعْرُوفِ وَتَنْهَوْنَ عَنِ الْمُنْكَرِ وَتُؤْمِنُونَ بِاللَّهِ ﴾ [آل عمران:110].

“Isin caaltuu ummata namaaf mul'ifamtee taataniittu. Toltutti ajajju; hamtuu irraas ni dhorgitu; Rabbittis ni amantu.” (Qur'aana 3:110)

🛑 3. Daaw'aan (Karaa RABBIItti nama yaamuun) sababa rahmata Rabbii bal'oo sana argachuu namaa ta'a.

قال الله تعالى: ﴿ وَالْمُؤْمِنُونَ وَالْمُؤْمِنَاتُ بَعْضُهُمْ أَوْلِيَاءُ بَعْضٍ يَأْمُرُونَ بِالْمَعْرُوفِ وَيَنْهَوْنَ عَنِ الْمُنْكَرِ وَيُقِيمُونَ الصَّلَاةَ وَيُؤْتُونَ الزَّكَاةَ وَيُطِيعُونَ اللَّهَ وَرَسُولَهُ أُولَئِكَ سَيَرْحَمُهُمُ اللَّهُ إِنَّ اللَّهَ عَزِيزٌ حَكِيمٌ ﴾ [التوبة:71].

“Mu’uminoonni dhiiratiifi Mu’uminoonni dubaraa gariin isaanii jaalallee gariiti. Toltutti ajaju; hamtuu irraas ni dhorgu, salaatas gadi dhaabu; Zakaas ni kennu; Rabbiifi ergamaa Isaatiifis ni ajajamu. Warri sun Rabbiin fuula dura rahmata isaaniif godha. Dhugumatti Rabbiin injifataa, ogeessa.” (Qur'aana 9:71)

🛑 4. Daaw'aan (Karaa RABBIItti nama yaamuun) sababa diinota injifachuu fi biyya lafaa kana keessatti mijjoo fi ol'aantummaa argachuu namaa ta'a.

قال الله تعالى: ﴿ الَّذِينَ أُخْرِجُوا مِنْ دِيَارِهِمْ بِغَيْرِ حَقٍّ إِلَّا أَنْ يَقُولُوا رَبُّنَا اللَّهُ وَلَوْلَا دَفْعُ اللَّهِ النَّاسَ بَعْضَهُمْ بِبَعْضٍ لَهُدِّمَتْ صَوَامِعُ وَبِيَعٌ وَصَلَوَاتٌ وَمَسَاجِدُ يُذْكَرُ فِيهَا اسْمُ اللَّهِ كَثِيرًا وَلَيَنْصُرَنَّ اللَّهُ مَنْ يَنْصُرُهُ إِنَّ اللَّهَ لَقَوِيٌّ عَزِيزٌ * الَّذِينَ إِنْ مَكَّنَّاهُمْ فِي الْأَرْضِ أَقَامُوا الصَّلَاةَ وَآَتَوُا الزَّكَاةَ وَأَمَرُوا بِالْمَعْرُوفِ وَنَهَوْا عَنِ الْمُنْكَرِ وَلِلَّهِ عَاقِبَةُ الْأُمُورِ ﴾ [الحج:40 - 41].

“Isaan warra manneen isaanii irraa haqaan ala waan “Rabbiin keenya Allaahdha” jedhaniif qofa baafamaniidha. Odoo Rabbiin namoota garii isaanii gariin deebisuun jiraachuu baatee, silaa iddoon moloksee, bataskaanoleen kiristaanootaa, iddoon ibaadaa Yahuudotaafi masjiidonni maqaan Rabbii hedduu keessatti faarfamu ni diigamu turan. Dhugumatti, Rabbiin nama (amantii) Isaa tumsu, tumsuuf jira. Dhugumatti, Rabbiin irra jabaa, injifataadha. Isaan warra yoo Nuti dachii keessatti isaaniif mijeessine salaata dhaaban, zakaa kennan, toltuuttis (namoota) ajajaniifi hamtuu irraa (namoota) dhorganiidha. Booddeen waan hundaa Rabbumaafi.” (Qur'aana 22:40-41)

🛑 5. Sababa adabbii (qixaata fi abaarsa) Rabbii jalaa bahuu namaa ta'a.

قال الله تعالى: ﴿ لُعِنَ الَّذِينَ كَفَرُوا مِنْ بَنِي إِسْرَائِيلَ عَلَى لِسَانِ دَاوُودَ وَعِيسَى ابْنِ مَرْيَمَ ذَلِكَ بِمَا عَصَوْا وَكَانُوا يَعْتَدُونَ * كَانُوا لَا يَتَنَاهَوْنَ عَنْ مُنْكَرٍ فَعَلُوهُ لَبِئْسَ مَا كَانُوا يَفْعَلُونَ ﴾ [المائدة:78 - 79].

“Isaan Ilmaan Israa’iil irraa kafaran arraba Daawuudiifi Iisaa Ilma Maryam irratti abaaramaniiru. Kun waan isaan (Rabbiin) faallessaniifi kan daangaa dabran turaniifi. Hamtuu hojjatan irraa kan wal hin dhorgine turan. Wantoonni isaan hojjataa turan waa fokkate.” (Qur'aana 5:78-79)

🛑 6. Karaa RABBIItti nama yaamuun sababa itti gaafatamummaa Rabbii jalaa bahuu namaa ta'a.
قال الله تعالى: ﴿ وَإِذْ قَالَتْ أُمَّةٌ مِنْهُمْ لِمَ تَعِظُونَ قَوْمًا اللَّهُ مُهْلِكُهُمْ أَوْ مُعَذِّبُهُمْ عَذَابًا شَدِيدًا قَالُوا مَعْذِرَةً إِلَى رَبِّكُمْ وَلَعَلَّهُمْ يَتَّقُونَ ﴾ [الأعراف:164].

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1225


Forward from: 𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩
اَلسَلامُ عَلَيْكُم وَرَحْمَةُ اَللهِ وَبَرَكاتُهُ‎


𝐆𝐎𝐎𝐓𝐎𝐓𝐀 𝐃𝐀'𝐀𝐖𝐀𝐀𝐋𝐄𝐄 𝐆𝐎𝐂𝐇𝐔𝐔𝐍 𝐆𝐀𝐑𝐀 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌𝐔𝐌𝐌𝐀𝐀𝐓𝐓𝐈 𝐘𝐀𝐀𝐌𝐀𝐍 𝐊𝐄𝐄𝐒𝐒𝐀𝐀 𝐌𝐔𝐑𝐀𝐀𝐒𝐀.


𝑨𝒌𝒌𝒖𝒎𝒂 𝑩𝒆𝒆𝒌𝒂𝒎𝒖 𝑱𝒂𝒓𝒓𝒆𝒆𝒏 𝑲𝒖𝒏 𝑮𝒂𝒓𝒂 𝑨𝒎𝒂𝒏𝒕𝒂𝒂 𝑰𝒔𝒍𝒂𝒂𝒎𝒂𝒂𝒕𝒕𝒊 𝑭𝒊𝒅𝒖𝒖 𝑲𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒕𝒕𝒊 𝑵𝒂𝒎𝒐𝒐𝒕𝒂 𝑮𝒂𝒉𝒆𝒆 𝑮𝒖𝒅𝒅𝒂𝒂 𝑸𝒂𝒃𝒂𝒏𝒊𝒊𝒅𝒉𝒂𝒂 𝑨𝒍𝒉𝒂𝒎𝒅𝒖𝒍𝒊𝒍𝒍𝒂𝒂𝒉 𝑵𝒂𝒎𝒐𝒐𝒕𝒂 𝑲𝒖𝒎𝒂𝒂𝒕𝒂𝒏 𝑮𝒂𝒓𝒂 𝑰𝒔𝒍𝒂𝒂𝒎𝒖𝒎𝒎𝒂𝒂𝒕𝒕𝒊 𝑭𝒊𝒅𝒖𝒖𝒅𝒉𝒂𝒂𝒏 𝑩𝒆𝒆𝒌𝒂𝒎𝒂𝒏𝒊𝒊𝒅𝒉𝒂𝒂.

𝑩𝒂𝒓𝒔𝒊𝒊𝒔𝒐𝒕𝒂 𝑲𝒐𝒐 𝑲𝒂𝒏 𝑨𝒏𝒊 𝑰𝒓𝒓𝒂𝒂 𝑩𝒂𝒓𝒂𝒕𝒂𝒂 𝑱𝒊𝒓𝒖𝒖𝒅𝒉𝒂𝒂 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖 𝑨𝒎𝒎𝒂𝒍𝒍𝒆𝒆 𝑩𝒆𝒆𝒌𝒖𝒎𝒔𝒂 𝑨𝒎𝒎𝒂𝒍𝒍𝒆𝒆 𝑰𝒕𝒕𝒊 𝑯𝒂𝒂 𝑲𝒆𝒏𝒏𝒖𝒖 𝑼𝒎𝒓𝒊𝒊 𝑫𝒉𝒆𝒆𝒓𝒕𝒖𝒖 𝑹𝒂𝒃𝒃𝒊 𝑯𝒂𝒂 𝑻𝒖𝒓𝒔𝒊𝒊𝒔𝒖𝒖.

𝑰𝒏𝒔𝒉𝒂𝒂 𝑨𝒍𝒍𝒂𝒂𝒉 𝑴𝒆𝒆 𝑾𝒂𝒂𝒏 𝑼𝒔𝒕𝒂𝒂𝒛 𝑰𝒇𝒂𝒂 𝑫𝒉𝒖𝒈𝒂𝒂𝒏 𝑮𝒂𝒓𝒂 𝑲𝒂𝒓𝒂𝒂 𝑹𝒂𝒃𝒃𝒊𝒊𝒕𝒕𝒊 𝑵𝒂𝒎𝒂 𝒀𝒂𝒂𝒎𝒖𝒖𝒏 𝑸𝒂𝒃𝒅𝒖 𝑩𝒂𝒓𝒓𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒏 𝑲𝒂𝒏𝒂 𝑺𝒊𝒓𝒓𝒊𝒊𝒕𝒕𝒊 𝑫𝒖𝒃𝒃𝒊𝒔𝒖𝒖𝒏 𝑯𝒊𝒓𝒊𝒚𝒐𝒐𝒕𝒂 𝑲𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒏𝒊𝒊𝒇 𝑺𝒉𝒂𝒓𝒆 𝑻𝒂𝒂𝒔𝒊𝒔𝒂𝒂!!

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1224


Ustaaz Abu Aasiyaa


کتاب التوحید

باب من حقق التوحيد: دخل الجنة بغير حساب


Kutaa 4ffaa

@DAARU_SALAAM

20 last posts shown.